Tamsaasa Kallatti:

Qulqullina Barnootaa Lammii biraan ga’uun dhaloota ga’ooman horachuuf hojjetamaa jira – Dr.Tolaa Bariisoo

Hagayyaa 14/2018 (ENA): Qulqullina Barnootaa Lammii hunda biraan ga’uun dhaloota ga’ooman horachuuf hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Barnoota Qulqullina qabu lammii hundaan ga'uun dhaloota sadarkaa hundatti dorgomaa ta'eefi ga'oome heddumminaan horachuuf hojjechaa jira.

Dhaloota abdii egeree ta'an daa'imman irratti hojjechuuf Manneen Barnoota Bu'uura borii babal'isaa jiraachunis ibsameera.

Bara Barnootaa 2018 keessas barattoonni miliyoona 12 ol ta'an barnootarra kan turan yoo ta'u, barattoonni miliyoona 7 ol ta'an immoo Manneen Barnootaatti nyaanni isaaniif mijatee barachaa turuun isaanii ibsameera.

Haaluma kanaan bara Barnoota 2019'f immoo qophii hundi xumuramuun galmeen barattootaa ifaan eegaluunsaa ibsameera.


 

Bu'uuruma kanaan guyyaa har'aa galmeen barattootaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti bakka hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo fi hoggantoonni biroon argamanitti eegalchiifameera.

Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa barnoota irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Oromiyaatti hojii ciminaan hojjetamaa tureen Dhaabbileen Barnoota kuma 37 ol irra ga'uusaa ibsaniiru.

Bara 2019 kanas barattoota miliyoona 12 ol kan ta'an, barnoota beekumsa xabboo ganamaa Barnoota Gadaa, Safuufi Dhaweessummaanis sirna barnootaa haaraa hojiirra ooleen baratamaa jira jedhaniiru.

Brattonni sababa adda daan harca’anis barnootasaniitti deebi’uun akka baratan Dr. Tolaan dhaamaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluus gama isaaniin dhaloota haala yeroon barbaaduun ga'oomsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.


 

Magaalaan shaggar cabiinsa barnootaa mudachaa ture furuuf hojjecha jiraachuu fi Manneen barnootaa kuma 1 fi 400 ol irraan ga'uun dandaa'ameera jedhaniiru.

Bara kanas barattoota kuma 480'n galmaa'uun barnoota ni eegalu jedhaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015