Ejensiin Geejiba Oromiyaa tajaajila Geejiba nageenyummaansaa eegamee fi olaantummaan seeraa keessatti mirkanaa’e hojiirra oolchuuf hojjechaa jira - ENA Afaan Oromoo
Ejensiin Geejiba Oromiyaa tajaajila Geejiba nageenyummaansaa eegamee fi olaantummaan seeraa keessatti mirkanaa’e hojiirra oolchuuf hojjechaa jira
Hagayyaa 14/2018 (ENA): Ejensiin Geejiba Oromiyaa tajaajila Geejibaa nageenyummaansaa eegamee fi olaantummaan seeraa keessatti mirkanaa’e hojiirra oolchuuf hojjechaa jirachuu beeksiseera.
Naannichatti Godinoota, Magaalotaa fi Aanaalee naannichaa keessatti Leenjiin ijaarsa dandeettii, Naamusaa ogummaa irratti xiyyeefate konkolaachiftoota tajaajila uummataa kennanii gaggeeffamaa jira.
Ejeensichatti Daayirektarri Oppireeshinii Nageenya Tiraafikaa fi Bulchiinsa Inshuraansii Alamuu Lammaa akka ibsanitti, balaa tiraafikaa gahaa jiru keessaa dhibbeentaan 81 hanqina naamuusaa fi gahumsa ogummaa konkolaachiftootaatiin kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Hudhaalee tajaajila Geejiba uummataa keessatti mul'atan furuu fi olaantummaa seeraa damee kana keessatti mirkaneessuuf hojjechaa jirra jedhaniiru.
kanaanis, kenninsa boolloo konkolaataa irraa eegalee tajaajilli geejibaa dijitaalaa akka ta'u taasifameera.
Haaluma walfakatuun, Dhaabbilee Leenjii Konkolaachistootaa keessatti kaameraa CCTV dhaabuun, Leenjifamtoonni beekumsa fi dandeettii ogummichi gaafatu argachuu isaanii teeknoolojiidhaan hordofuu fi mirkaneessuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Buufataalee Konkolaataa uummataa 250 caalan keessatti tajaajilli tikeettii tajaajilamtootaa Dijitaala Oro hojiirra ooluu eeruun, kanaanis seera maleessummaa hir'isuun danda'amuusaa dubbataniiru.
Dabalataanis konkolaachiftoota Seera darban, uummata lakkoofsa teessoon ol fe'anii fi taarifaan ol kaffalchiisan 'online' dhaan adabamuu bira dabree, yakka walfakatu irra deebi’uun kan raawwatan taanaan galmeeffamanii sarara hojii irraa akka hafan sirni diriiruusaa ibsaniiru.
Ejensichii fi Komishiniin Poolisii Oromiyaa qindoominaan hanqina naamuusa konkolaachiftootaa furuuf Godinaalee,Bulchiinsa Magaalotaa fi Aanaalee hundatti leenjii gabbisa dandeettii konkolaachistoota kuma 200 caalaniif har'a kennamuu eegaluusaa ibsaniiru.
Komishinii Poolisii Oromiyaatti Hordoffii fi To'ataa Nageenya Tiraafikaa Ittaanaa Komaandaraa Silashii Gammachuu gamasaaniin,konkolaachiftoonni naamusaa fi ogummaa isaanii kabajanii hojjechuu qabu jedhaniiru.
Uummannis tajaajila sirrii akka argatu to'attoonni Tiraafikaas gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.
Uummannis zebra eeggatee qaxxaamuruu fi gama bitaa isaatiin deemuun tattaaffii Nageenya Tiraafikaa mirkaneessuuf taasifamu deeggaruu qaba jedhaniiru.
Ittigaafatamaan Ejeensii Geejibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Makuriyaa Shuumii gama isaaniitiin, magaalattiitti Nageenya Tiraafikaa mirkaneessuuf naamuusa konkolaachistootaa irratti hojjechuun murteessaadha jedhaniiru.
Ariitiin ol oofuu, hanqina gahumsaa fi naamuusaa dhabamsiisuuf dhimmamtootaa wajjin qindoominaan irratti hojjechaa jirra jedhaniiru.
Adaamaatti tajaajilli Geejibaa Ismaartii (SMART) hojiirra ooluu eeruun, kaameraa CCTV'n to'annoo taasisaniin nageenya tiraafikaa mirkaneessuu danda'uusaanii ibsaniiru.
Qorannoo fi tarkaanfii yakka damee kana keessatti raawwatamu irratti fudhatamuuf sirni to'annoo fi hordoffii nageenya tiraafikaa dijitaalaa diriirsuu kan ibsan immoo Qajeelcha Poolisii Magaalaa Adaamaatti Ittigaafatamaa Nageenya Tiraafikaa Ittaanaa Komandara Dassaaleny Abarraati.
Konkolaachistoonni leenjii gabbisa dandeettii naamuusaa argachuun isaanii balaa tiraafikaa waloondhaan ittisuuf gahee guddaa qaba jedhaniiru.
Magaalattiitti nageenya tiraafikaa fi fayyadama daandii irratti hawaasni hubannoo gahaa akka argatu Ejeensicha wajjin qindoominaan hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.