Tamsaasa Kallatti:

Yaa’iin marichaa aadaa marii biyyaalessaa gabbisuudhaan Itiyoophiyaa fooyyofte ijaaruuf boqonnaa haaraa baneera-Mari’attoota

Hagayya 14/2018 (ENA)- Yaa’iin marichaa aadaa marii biyyaalessaa gabbisuudhaan Itiyoophiyaa fooyyofte ijaaruuf boqonnaa haaraa kan banedha jechuun ibsan Mari’attoonni.

Yaa’iin marii biyyaalessaa olaanaan Adoolessa 18 bara 2018 irraa eegalee wiirtuu konvenshinii idil addunyaa Addisitti gaggeeffamaa turee gara boqonnaa xumuraatti dhihaachaa jira.

Mariin kun nageenya, tokkummaa fi badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf bu’ura guddaa kan kaa’u ta’uu mari’attoonni ENA’f ibsaniiru.

Marichi garaa garummaa keessatti walii galtee waloo uumuu fi Itiyoophiyaa egeree ijaaruuf boqonnaa haaraa banuusaa beeksisaniiru.

Maricharratti kan hirmaatan Kaappiteen Salamoon Gizawu akka ibsanitti, mariin kun nageenyaa fi guddina egeree biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.

Kun ammo Itiyoophiyaa fooyyofte dhaloota boruuf dabarsuuf carraa guddaa ta’uu beeksisaniiru.

Adde Salaam Waaqoo gama isaaniin, waltajjiin marii biyyaalessaa kun rakkoo jiru mariidhaan furuun akka danda’amu qabatamaan kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.

Yaanni hirmaattotaa garaagarummaa tokko malee marichaarratti walqixxummaan kan itti dhagahame, wal kabajaa fi waliigalteen kan keessatti mul’ate akka ta’e ibsaniiru.

Mariin kun Itiyoophiyaanonni kallattii biyyattii hundaa fi biyya alaarraa walitti dhufan gaaddisa tokko jalatti walitti qabamanii biyyasaanii sadarkaa caalutti ceesisuuf kan mari’atan waltajjii seena qabeessa ta’uu kan ibsan ammoo Shaalaqaa Baashaa Tarrafaa Walaaniiti.

Muuxannoon gaariin wal dhaggeeffachuu fi mari’achuu maricharratti argame dhalootarraa dhalootatti cehaa aadaa siyaasaa fihawaasummaa biyyaalessaa ta’ee itti fufuu akka qabu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015