Wixinee Labsii Sirna Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Qophaa’e irratti mariin gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Wixinee Labsii Sirna Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Qophaa’e irratti mariin gaggeeffamaa jira
Hagayya 14/2018 (ENA)-Wixinee Labsii Sirna Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Qophaa’e irratti mariin qooda fudhattoota adda addaa waliin Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Wixineen qophaa’e kun qaala’iinsa gabaa, guddina diinagdee, saayinsii bittaa ammayyaa fi teeknoloojii sadarkaa guddinni biyyaa fi naannoo keenyaa irra gahee waliin karaa walsimuun Labsii Lak. 157/2002 bahee waggoota 14f hojiirra oolaa ture fooyyessuuf kan qophaa’e ta’uu Afyaa’iin Itti Aanaa Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Eliyaas Ummataa ibsan.
Wixineen qophaa’e kunis, gulantaalee dubbisaa adda addaa keessa darbee kan dhufe ta’uu ibsuun, wixinichi qaama hunda waan ilaallatuuf marii qooda fudhattoota dhimmi ilaaluu waliin taasisuun karaa bu’a qabeessa ta’een hojimaata bittaa mootummaa fooyyessuu fi rakkoo bulchiinsa gaarii ture furuuf yaadamee wixinee qophaa’e kana irratti mari’achuun galtee fudhachuuf yaadamee marii qophaa’e ta’uu ibsaniiru.
Wixinichi qooda fudhattoota adda addaa maricha irratti argamaniif dhiyaatee jira.
Caffee Oromiyaarraa