Tajaajilli Lammummaa duudhaalee wal-gargaarsa dagaagsaa jira - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Lammummaa duudhaalee wal-gargaarsa dagaagsaa jira
Hagayya 14/2018(ENA): Tajaajilli Lammummaa duudhaalee wal-gargaarsaa dagaagsuun, karaa ammayyaawaa fi caasaa qabuun hojiirra ooluun bu’aa gaarii argamsiisaa jira.
Keessattuu sagantaawwan Tajaajilli Lammummaa waktii Gannaa gaggeeffamaniin, dargaggoonni, ogeeyyiinii fi kutaan hawaasaa garagaraa dandeettii, beekumsa fi yeroo isaanii hojii gaariif oolchaa jiru.
Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaa aanaalee fi magaalota garagaraa keessatti tajaajilli lammummaa biyyaaleesaa waggaa waggaan duulaan bakka itti gaggeefamu Kessaa tokkodha.
Jiraattonni Godina Jimmaa Fayyadamtoota tajaajila kanaa ta’an ENA'f akka ibsanitti, Tajaajilli Lammummaa isaaniif taasifame halaa jireenya isaanii jijiiruu bira darbee hariiroo hawaasummaa fi tokkummaa isaanii kan cimse ta’uu dubbataniiru.
Jiraattuu Aanaa Oomoo Naaddaa Aadde Uummii Abbaa Fiixaa ganna darbe rakkinaan dabarsuu isaanii yaadatanii, yeroo ammaa tajaajila lammummaan manni isaanii rooba fi lolaa galchaa ture haaromfamee jireenya isaaniif kan abdii fi gammachuutti kan isaaniif jijiire ta’uu ibsaniiru.
Tajaajila Lammumaan deeggarsa isaaniif taasifameen jireenya koo jijjiirameera kan jedhan Aadde Uummiin, deeggarsi hawaasnii fi mootummaan isaaniif taasise daa'imman isaanii daandii irratti bu'uu irraa akka isaan oolche dubbataniiru.
Haaluma walfakatuun jiraattotni Aanichaa Aadde Zinnaash Makuuriyaa fi Aadde Manawwaa Abbaa Boor deeggarsi tajaajila lammummaan isaaniif kan taasifame ta’uu ibsaniiru.
Deeggarsi Eelee biddeenaa ammayyaa, gaagura ammayyaa fi kanneen biroon taasifaman jireenya isaanii itti fufinsaan kan isaaniif jijiiru ta’uu ibsaniiru.
Deeggarsichi boru abdiin jiraachuu fi hojjetanii jireenya isaanii jijjiiruuf akka isaan kakaase ibsuun , fuulduraattis deeggarsa eeggachuu irraa ba'uuf akka hojjetan dubbataniiru.
Godina Jimmaa Aanaa OmooNaaddaatti tajaajila Lammummaan hojiiwwan garagaraa kan raawwataman yoo ta'u, kanaanis dhiiga arjoomuu, meeshaalee barnootaa fi deeggarsawwan biroos harka-qalleeyyiif taasifamaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Dhaabaa Bayyanaa ergaa dabarsaniin, Paartiin Badhaadhinaa bu'uura irraa eegalee aadaa wal-gargaarsa babal'isuu akka kallattii hojii tokkootti qabatee hojjechaa jira jedhaniiru.
Kanaanis lammiilee miliyoonaan lakkaawwaman fayyadamaa taasisuun danda'ameera jedhaniiru.