Poolisiin Federaalaa Yaaddoo Nageenyaa Gahumsaa Ol’aanaadhaan Fashaleessuuf Qophiidha – Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el - ENA Afaan Oromoo
Poolisiin Federaalaa Yaaddoo Nageenyaa Gahumsaa Ol’aanaadhaan Fashaleessuuf Qophiidha – Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el
Hagayya 13/2018 (ENA): Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yaaddoo nageenyaa gahumsaa ol’aanaadhaan fashaleessuun nageenya biyyaa mirkaneessuuf qophii ta’uu isaa Ajajaa Olaanaan Poolisii Federaalaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el ibsan.
Hoggantoonni tarsiimawaa Poolisii Federaalaa fi qondaaltonni poolisii olaanoon karoora nageenyaa yeroo ammaa Itiyoophiyaa irratti mari’ataniiru.
Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el yeroo kanatti akka jedhanitti, dhaabbanni isaanii xiinsammuu miseensootaa ijaaruun,qophii yeroo hundaa cimsachuu fi dandeettii raawwachiisummaa daran guddisuun itti gaafatamummaa sirna heera mootummaa eeguu sadarkaa olaanaadhaan bahachaa jira.
Itoophiyaan dameewwan hundaan yeroo guddina galmeessaa jirtuutti, nageenyaa fi guddina ishee kan hin feene qaamolee yaaddoo nageenyaa uuman aarsaa kamiyyuu kafaluun fashaleessuuf qophiidha jedhaniiru.
Waltajicha irratti ijaarsa xiinsammuu fi ilaalchaa miseensoota poolisii fi qophii yeroo hundaa ilaalchisee waraqaan marii dhiyaatee irratti mari’atamuun isaa odeeffannoo Poolisii Federaalaa irraa argame ni agarsiisa.