Sirna Araaraa Furmaata Waan Hundaa Ta’e - ENA Afaan Oromoo
Sirna Araaraa Furmaata Waan Hundaa Ta’e
Ummanni Itiyoophiyaa aadaa mataa isaa ganamaa wal dhabdee ittiin furu qaba.
Barreeffama keenya kanaan sirna araaraa ummata Itiyoophiyaa muraasa isaanii ilaalla.
Ummanni Itiyoophiyaa aadaa miidhagaa ittiina wal dhabdee furan qabu. Saboonni kuni kan waliin qabanis akkuma jirutti ta’ee, qofa qofaa isaanii kan aadaa fi duudhaa mataa isaaniin Sirna Araaraa qaban jira. Sirnoota Araaraa Oromoo, Amaaraa,Geedi’oo fi Gaamoo gabaabinaan ilaalla.
Marii’ataan gowwaa hin qabu;warri wal marii’ate maseena qalee; warri wal hin mari’anne raada qale jedha Oromoon yeroo makmaaku. Kunis araarri jireenya dhala namaa keessatti baay’ee murteessaa fi barbaachisaa ta’uu isaa ibsuufidha.
Namni tokko nama biraa wajjiin mitii matuma isaa waliinuu guyyaatti yeroo baay’ee wal-lola jedhu ogeessonni xiinsammuu. Kanaafuu, walitti-bu’uun (wal-dhabbiin) uumamuun isaa akka ajaa’ibaatti kan hubatamu miti Oromoo biratti.
Eeleefi sumsumniyyuu walitti buuti jedha Oromoon gaafa waa'een walitti bu'uu ykn Wal -loluu uumama hin oolle ta'uusaa yeroo ibsu. Waldhabuun jireenya dhala namaa keessatti taatee nama mudatu ta'uunsaa kan hin oolle jedhee waan hubatuuf Oromoon ,akkuma malaaf Malli jiraa mucaaf harmi jira jedhan, waldhabdee kanas akkaataama ulfaatina isaatiin furmaata itti kenna.
Kanas Oromoon araara jedhee waama. Sirna araaraa kana keessatti immoo qaamoleen adda addaa ni hirmaatu.
Sirni araaraa Oromoo biratti Jaarsummaa jedhama. Jaarsummaan adeemsaa fi akkaataa mataa isaa qaba. Ummata Oromoo biratti akkaataan ittiin jaarsummaan adeemsifamu garaagara haata ‘uyyuu malee galmi isaa tokkodha;innis araara buusuudha.
Sirni kuni iddoo tokko tokkotti maqaa gara biraa qabaachuu mala fkn, jaarsummaa Oromoo Maccaa fi Tuulamaa, ‘koottu-dhufee’ Oromoo Arsii, Gaaddisa Oromoo Booranaa, sirna araara Gondooroo Oromoo Gujiifi Saba Geedi'oofaa eeruu dandeenya.
Yeroo sirni araaraa raawwatamutti meeshaaleen Ulfoo Araaraaf gargaaran ni jiru. Meeshaaleen ulfoo kunneen kabaja olaanaa waan qabaniif ummanni ni safeeffata. Kana malees marga lalisaa mataan isaa irraa hin cinne qabatu.
Hariiroo waliin jireenya namootaa keessatti namni tokko itti yaadees haa ta'u tasa lubbuu namaa ykn yakka raawwachuu danda’a. Namni yakka raawwate immoo akkasumaan osoo hin araaramiin yoo hafe gareen miidhame aaloo baafannaatti akka yakki suni hin babal’anneef araarri murteessaadha jedha Oromoon. Kanaaf Araara tolfatee ittiin nagaa buufata.
Qaamni wal dhabe dhimma isaa gara jaarsummaa geeffachuu danda’a ykn immoo namni biraa jara sana gara jaarsummaatti fiduu mala. Maanguddoonni biyyaas dhimma sana ilaalan durumaan ummata keessaa filamanii jiru waan ta’eef dhimma sana ilaaluun furmaata itti kennu.
Akkaataan jaarsummaan taa’amu haaluma dhimmi sanaa irratti hundaa’uun garaagara ta’uu mala. Kana jechuun dhimma yakkichaa irratti hundaa’a. Fakkeenyaaf namni lubbuu balleesse qixa warra wal reebanii ykn qaama wal miidhanii waliin walqixa hin ilaalamu.
Jaarsoliin Odaa jalatti warra wal dhaban araarsu. Dhimma isaanii erga dhaggeeffatanii dhugaan garam jirti jedhanii qoratanii dhugaa baasu. Jaarsi hin laagu. Dhugaan ilmoo Rabbiiti jedha Oromoon;gama biraatiinimmoo dhugaan ilmoo ofii caalaa nama bararti jedha Oromoon gaafa dhugaan akka hin jallanne ibsu.
Kanaaf erga dhugaa ilaalanii dhugaa arganii. Isa dhugaa argateef dhugaa muru. Beenyaan kan kaffalamuuf yoo ta’e beenyaa kaffalchiisu.
Sana booda warra wal dhabe walitti fidanii wal hammachiisuun wal dhungachiisanii waadaa galchiisu akka isaan lammaffaa aaloo wal hin qabanneef.
Warra lubbuu wal balleesse yoo ta’es gumaa baassisuun walitti araarsu. Gara fuula duraattis akka aaloo wal hin baaneef akka jarri firoomaniif akka warra soddaa ta’anis iddoon itti taasifamu jira.
Sirni araaraa Ummanni Oromoo qabu keessaa tokko sirna Ateeteedha. Haadholiin siinqee siinqee isaanii qabatanii gaafa warra wal dhabe gidduu seenan warri wal dhaban suni battaluma sana tola dhaabu. Kanas safuutu isaan ajaja.
Murtii jaarsoliin kennan kan namoota ykn gareewwan waldhaban walitti araarsuufi hariiroofi walitti dhufeenyasaanii caalaatti cimsudha.
Nama ykn garee murtii jaarsoliin kennan hojiirra oolchuu dide seeratu itti jiga, ni lagatama, hawaasa keessaa darbatama,duunaan biyyi ba’ee hin awwaalu, cidhas ta’e daboo yoo waammate namni hin dhaquufi. Horiinsaa yoo kufe ol hin qabaniifii.
Oromoon yeroo makmaaku namni sitti jiguurra tulluun sitti jiguu wayya jedha. Kunis gaafa namni sitti jige kan sirraa olkaasu hin jiru; garuu gaafa tulluun sitti jige immoo namni tulluu sana sirraa kaasa jechuudha.
Namni waan seera kana sodaatuufuu yoomallee waandabaa hojjetee waan jaarsoliin jedhan darba ta’e uummata keessaa baafama.
Yeroo baay’ee namni safuu maanguddootaarra darbu hin jiru. Yoommoo namni jaarsarra darbees yeroo muraasaaf biyyaa akka rii’atamu ni taasifama. Kanaafuu dubbii jaarsi mure kan didu hin jiru.
Ummanni Oromoo waliif akkuma sirna Araaraa qabu saba daangaa walii jiraatu waliinis sirna araaraa qaba. Fkn sirni araaraa Oromoo Gujii fi saba Geedi’oo agarsiiftuu tokkodha.
Gondooroon sirna araaraa fi jaarsummaa aadaa kan waliigaltee nageenyaa, tokkummaa fi obboolummaa saboota kana lamaan gidduutti uumamu gadi dhaabuuf dhimma itti bahanidha.
Akkaataa/Adeemsa Araarri Isaa Itti Bu’u:
- Giddu-seentummaa Abbootii Gadaa fi Jaarsolii Aadaa: Abbootiin Gadaa Gujii fi Abbootiin Geedi’oo yeroo walitti bu’iinsi uumamu walitti dhufuun "Malkaa" ykn "Ardaa Jilaa" irratti walga’u.
- Dhiiga Naqachuu fi Hoolaa Qaluu (Malkaatti): Araarri Gondooroo malkaatti (garba/laga biratti) raawwatama. Kichuu/hoolaa nagaa fi obboolummaa bakka bu'u qaluudhaan dhiiga isaa walitti naqu. Kunis jecha walitti deebi'uu fi dhiiga walii xureessuu/dhangalaasuu dhaabuu argisiisa.
- Caffee Dhaabuu fi Kakuu,Waadaa Galuu (Abaarsaa): Maanguddoonni saboota lamaanii kakuu cimaa (abaarsa) ykn waadaa waliif isaan hidhu galu. Kana keessatti "Sanyiin lamaan kanaan booda wal miidhuu, wal ajjeesuu fi walitti bu'uu hin qabu; kan kakuu kana diige waaqnii fi lafti isa haa gubuu" jedhanii kakuu godhatu.
Sirni Araaraa ummanni Amaaraa qabu ‘shimgilinnaa’ jedhama. Kunis
Sirni araaraa aadaa saba Amaaraa "Shiimgilinnaa" jedhama. Kana malees akka waliigalaatti "Irqii" jedhamuun ni beekama. Irqiin araaradha; nageenyadha.
Sirni kun hawaasa Amaaraa biratti yeroo wal dhabdee, badiin ykn lolli uumamu maanguddoonni (jaarsoliin) gidduu galanii walitti bu'iinsa hiikuun nagaa fi tokkummaa itti deebisanidha.
Manguddoonni kabajamoo fi beekamoo ta'an jaarsummaaf dhiyaatanii gartuu lachuu mariisisu.
Haaloo fi jibba duraan ture haquun waliif dhiifama gochuu fi kakuu raggaasisu.Akkataama ulfaatina miidhaa sanaan beenyaan miidhamaaf ni kaffalchiifama.
Sirni araaraa uummata Gaamoo keessatti beekamu
Sirni araaraa fi jaarsummaa aadaa kan uummata Gaamoo (Gamo) keessatti beekamu "Dubusha" jedhama.
Gaamoo keessatti Dubushaan bakka dirree aadaa fi waltajjii seeraa yoo ta'u, jaarsoliin araara raawwachiisan immoo ‘Dere Cima’ (Jaarsolii Biyyaa) jedhamu.
Manguddoonni Gaamoo marga jiidhaa qabatanii warra wal dhabe gidduu yoo seenan kan isaaniin darbee lolu hin jiru. Hamma fedheyyuu yoo ta’e isaan gidduu galanii lola sana dhaabsisu. Kunis aadaa duudhaa ganamaa irraa kan maddedha.
Adeemsa Sirna Araaraa (Dubushaa):
- Waltajjii Dubusharratti Walitti Dhufuu: Yoo walitti bu'iinsi uumame, dhimmi sanaa gara dirree aadaa kan Dubusha jedhamu, kan mukkeen gurguddoo akka Odaa jalatti argamutti dhiyaata. Waltajjiin kun iddoo qulqulluu fi kabajamaa seera hawaasaa itti murteessanidha.
- Shoora Dere Cima (Jaarsolii Biyyaa): Jaarsoliin aadaa kabajamoon (Dere Cimaa) fi gamtaan hawaasaa waltajjii kana irratti walitti dhufu. Gamtaan dhaabbata aadaa gargaaramuudhaan miidhamaa fi miidhaa geessise adda baasaniis dhaggeeffatu.
- Adabbii fi Beenyaa Murteessuu: Dhimma yakka ykn miidhaa dhiyaate irratti hundaa'uun, jaarsoliin dhugaatti madaaluudhaan yakkaamaa irratti adabbii aadaa (beenyaa ykn adabbii horii/beeyladaa) murteessu. Kunis haaloo fi gadoo garaa keessaa baasuuf gargaara.
- Sirna Kakuu : Walitti bu'iinsi cimaan kan akka ajjeechaa yoo mudate, deebi'amee akka wal hin miineef sirni kakuu fi abaarsa aadaa (Kallite) raawwatama. Kan kakuu kana diige hawaasa keessaa baafama.
- Eebba fi Waliif-dhiifama gochuu: Xumura irratti jaarsoliin eebba aadaatiin sirna sana goolabu. Namoonni walitti bu'an harka wal-fuudhuun, wal-dhungachuun dhiifama waliif taasisu.