Haaromsa Aadaan Duudhaa ganamaa deebisuu - ENA Afaan Oromoo
Haaromsa Aadaan Duudhaa ganamaa deebisuu
Aadaan: Jiruuf Jireenya, Amala, Safuu, Duudhaa, Beekumsa, Amantii, Uffannaa fi Og-Barruu Hawaasni tokko qooddachuu fi dhalootaa dhalootatti dabarsudha. Kunis eenyummaa, kabajaa fi mallattoo saba tokkoo agarsiisa.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa jijjiiramaa asitti dhaloota Aadaafi duudhaa Oromoon qabu beekuun ittiin jiraachuun dhaloota dhufuuf akka dhaalchisu xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jira.
Aadaafi duudhaa Oromoo humneessuufis haaromsa aadaa labsamuun hojirra oolaa jira.
Haaromsi Aadaa hojii itti fufiinsaan dhaloota ijaaruuf kàn hojjetamu yoo ta’uu, kanaanis Aadaa hojii gabbisuu, kalaqa jajjabeessuu, ofitti amantummaa guddisuu, hariiroo hawaasaa jajjabeessuun dhalootaaf bu’uura jabaa kaa’uu akka ta’e ni ibsama.
Yaadama guddaa haaromsa Aadaa irratti hojjetamaa jiru kana karaa guutuu ta’een milkeessuufis imaammata barnootaa keessatti Aadaaf safuun uummatichaa akka hammatamu taasisuu irraa eegalee, hanga gumii manneen barnootaatti akka irratti xiyyeeffatamu taasifamaa jira.
Dabalataan Manneen murtii Aadaa keessatti qabatamaan lafarratti akka mul’atu gochuun dhaloota sirna oromoo ganamaa akka qabatan taasisuu, Buusaa Gonofaa jajjebeessuun humna waloo gurmuu qabu bu’uuressuun qorqalbii sabaa kallattii hundaan ijaaruuf hojiin bal’aan hojjetamaa jira.
Haaromsi Aadaa beekkumsa oomishuun dhaloota roga hundaan ijaaruu,humna dinagdee biyyaa utubuun humneessuu, Artii Oromoo hammayyeessuun Aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa fakkeenyummaasaa bakkatti deebisuuf xiyyeeffannaan kennamee kan hojjetamudha.