Yaa’ii Marichaa irraa yaada furmaata waldhabdee siyaasaaf ta'an ni eegganna - Jiraattota Magaalaa Adaamaa - ENA Afaan Oromoo
Yaa’ii Marichaa irraa yaada furmaata waldhabdee siyaasaaf ta'an ni eegganna - Jiraattota Magaalaa Adaamaa
Hagayya 13/2018 (ENA): Marii biyyaaleessaa kana irraa furmaata waldhabdee Siyaasaatiif ta'an ni arganna amantaa jedhu akka qaban Abbootiin Gadaa fi Amantaa Magaalaa Adaamaa dubbataniiru.
Adoolessa 08 bara 2018 irraa jalqabee yaa’iin marii biyyaaleessaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Jiraattota Magaalaa Adaamaa yaada isaanii ENA’f kennan keessaa Abbootii Gadaa fi Amantaa Magaalaa Adaamaa akka jedhanitti, hirmaachisummaan yaa’ii marii biyyaaleessaa kanaan mul'ate waldhabdee Siyaasaatiif furmaata waaraa fi yaada furmaataa ni fida amantaa jedhu akka qaban ibsaniiru.
Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Bokuutti Abbaa Gadaa Tashoomaa Simaa akka ibsanitti, mariin biyyaaleessaa kun injifannoo seenaa qabeessa biyyattiin baroota keessatti argatteedha jedhaniiru.
Hirmaattonni mariichaa ummata bakka bu'uun Itoophiyaaf furmaata caalu kaa'uuf mari'achaa akka jiran ibsaniiru.
Adeemsi marii kanaa haaloowwanii fi mufannaawwan uummataa darban dhiisuudhaan ijaarsa nagaa waaraatiif bu'uura guddaa akka kaa'u abdii akka qaban dubbataniiru.
Mootummaanis ta'e paartileen Siyaasaa yaada furmaataa yaa’ii marii kana irraa dhihaatu kabajuu fi gara hojiitti jijjiiruu irratti tumsuu akka qaban ibsaniiru.
Biyyi keenyaa fi ummanni keenya carraa kana argachuu isaaniitti gammadoo ta'uu kan ibsan Abbaa Gadaan kun, yaa’ii marii kana irraa bu'aa guddaa akka eeggatanis dabaluudhaan dubbataniiru.
Magaalaa Adaamaatti miseensi Mana Maree Dhimma Islaamummaa Sheek Abdulqaadir Ahimed akka ibsanitti, mariin biyyaaleessaa kun mufannawwan bara dheeraa ture karaa guutuu ta'een ni fura abdii jedhu qabu.
Keessattuu waldhabdee siyaasaa biyyattii keessa turan furuuf furmaatni tokkichi marii qofa ta'uu ibsaniiru.
Mariichaan furmaata gaariin ni dhufa abdii jedhu akka qaban kan dubbatan Sheek Abdulqaadir, raawwii isaatiifis gahee isaan irraa eeggamu akka bahatan dubbataniiru.
Hayyoonni, paartileen siyaasaa , hidhattonni duraanii, bakka bu'oonni amantaa, Hoggantoonni Hawaasaa, Dubaroonni, Qaama Miidhamtoonni, Qaamoleen Nageenyaa dabalataanis Itoophiyaanonni ala jiraatan yaa’ii irratti hirmaatan ta'uu isaatiin gammaduu isaanii ibsaniiru.
Adeemsi marii kanaa ajandaa walitti qabuu irraa jalqabee hunda kan hammatee fi hirmaachisaa akka ture kan ibsan Sheek Abdulqaadir, adeemsi kun biyya keenyaaf furmaata waaraa ni fida kan jedhu amantaa guutuu akka qaban dubbataniiru