Hojiin yaadaa fi ajandaa walitti qindeessuun sanada tokkootti fiduu hojjetameera - Komishinii Marii Biyyaalessaa - ENA Afaan Oromoo
Hojiin yaadaa fi ajandaa walitti qindeessuun sanada tokkootti fiduu hojjetameera - Komishinii Marii Biyyaalessaa
Hagayya 13/2018 (ENA): Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa, yaada furmaataa fi ajandaa gareewwan saddeet keessatti walitti qabaman gara sanada tokkootti walitti qindeessuun xumuramuusaa beeksise.
Itti-Aantuun Komishinaara Komishinichaa, Komishinaar Hiruut Gabrasillaasee, ibsa kennaniin, hirmaattonni 120 gareewwan saddeet irraa walitti dhufan, hojichi of-eeggannoofi xiyyeeffannoo guddaa waan gaafatuuf, guyyoota darban keessatti hojjechaa turuu ibsaniiru.
Sanadichi erga qophaa’ee booda gareewwan hundaaf dhiyaatee, gareewwanis sanada irratti yaada dabalataa fi galtee kennanii turuu himaniiru.
Komishinarittin gareen qindeessaa galteewwan xumuraa kenname hunda sanada keessatti hammachiisuun, har’a guutummaatti akka xumuru ibsaniiru.
Sanadichi erga galteewwan dabalataa hammachiisee xumuramee booda, boru hirmaattota marichaa kuma Afuriif akka dhiyaatuus beeksisaniiru.
Komishinaar Hiruut Gabrasillaaseen, adeemsi marii biyyaalessaa sadarkaa murteessaa fi boqonnaa gaariirra ga’uusaa ibsaniiru.
Dabalataanis uummanni odeeffannoo hin mirkanoofneefi dhugaarraa fagaate dhaggeeffachuu irraa of qusachuun, miidiyaalee dhugaa bu'uureffachuun gabaasaa fi ibsa Komishinii Marii Biyyaalessaan kennamu qofa hordofuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru