Yaa'iin Mannneen Murtii Aadaa Oromiyaa Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti Gaggeeffame - ENA Afaan Oromoo
Yaa'iin Mannneen Murtii Aadaa Oromiyaa Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti Gaggeeffame
Hagayya 13/2018 (ENA) : Yaa'iin Mannneen Murtii Aadaa Oromiyaa Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti Gaggeeffameera.
Xiyyeeffannoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma Aadaafi Duudhaa Uummata Oromootiif kenneen imala duudhaa ganamaatti deebi'uu keessatti Mootummaan Haaromsa Aadaa ifoomsuun milkaa'inootni gama hundaan argamaa jira.
Uummatni Oromoo Uummata Aadaa dilbii hedduu qabuufi Sirna dimokiraasii Addunyaaf gumaache ta'uunsaa ni beekama .
Uummatni Oromoo sirna ofii kalaqeen akka wal bulchu, akka waliisaa tajaajiluufi haqa waloosaa ittiin mirkaneessuu qabu bakka isaa ganamaatti deebisuuf hammattoo seeraan deeggaruun hojiitti erga seenamee Uummanni qe'ee isaatti sirna isaatiin Afaan beekuun akka tajaajilamu taasiseera.
Bu'uuruma kanaan Yaa'iin Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa bara baajataa 2018 Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti gaggeeffameera.
Yaa’icharratti Bulchaan Godina Booranaa Obboo Abdusalaam Waariyoo haasaa taasisaniin , keessummoota yaa’icharrtti afeeramanii dhufan baga gara qe'ee keessan qe'ee hangafaa gara Booranaa nagaan dhuftan jedhaniiru.
Godinni Booranaa Godina Aadaa Dilbii hedduu qabu, kan Aadaan ganamaa uummatichaa itti barataniifi hubatani ta’uusaa ibsaniiru.
Haaluma kanaan, Godina Booranaa Gandoota hunda keessatti Munneen Murtii Aadaa hundaa'anii tajaajila qaqqabamaafi si'aataa kennaa jiraachuun Haqni uummata keenyaa deebi'uun rakkoon hawaasaa furamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Yaa'ii kanaarratti haasaa baninsaa kan taasisan hooggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Sinbiruu ergaa baga nagaan dhuftani dabarsanii, Oromoon ganamarraa Heeraafi Seera addunyaaf fakkeenya ta'u kan qabudha jedhaniiru.
Bu'uuruma kanaan Yaa'iin kun Godina Booranaa qe'ee angafaafi qe'ee duudhaa ganamaatti gaggeeffamuunsaa adda isaa taasisan jedhan.
Haaluma kanaan, xiyyeeffannoo Mootummaan jijjiiramaa Misooma Aadaaf kenneen Aadaan keenya Misoomaa, duudhaa ganamaatti deebisaafi, hammattoo seeraa itti tolchuun Uummatni keenya gama hundaan irraa fayyadamaa jiraachuufi haqa isaa Aadaa isaatiin argachaa jiraachuun isaa milkaa'inoota argaman keessaa muraasa.
Itti dabaluunis, Jaarsoliin Mana Murtii Aadaa quuqama Aadaa keessaniif qabdaniin Uummata keessan tajaajilaa jiraachuu isaanii galateeffachuun qooda fudhattoota, Uummata Oromoo maraafi sagantaan kun akka milkaa'uuf qaamolee milkeessaniifi Hoggansa Godina Booranaa galateeffataniiru.