Tamsaasa Kallatti:

Misooma Turizimii fi Fooyya'iinsa Wiirtuu Konfiraansii Magaalaa Adamaatiif hirmaannaan damee dhuunfaa akka cimu wammichi dhiyaate

Hagayya 13/2018 (ENA) — Magaalaa Adaamaa wiirtuu Konfiraansii Turizimii gochuudhaan sadarkaa ishee ol kaasuuf hirmaannaan damee dhuunfaa akka guddatuuf Komishiniin Turizimii Magaalaa Adaamaa gaafate.

Waltajjiin marii abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee tajaajila Hoteelaa fi Turizimii irratti bobba'an hirmaachise gaggeeffameera.

Hoggantuun Komishinii Turizimii Magaalaa Adaamaa Addee Sa'aadaa Kuluu wayita sana akka jedhanitti, tattaaffiin Magaalattii wiirtuu konfiraansii Turizimii gochuuf taasifamu keessatti shoorri damee dhuunfaa ol'aanaadha.

Kana milkeessuufis bulchiinsi magaalattii dhaabbilee tajaajila Turstii kennaniif deeggarsa barbaachisu gochaa turuusaa ibsaniiru.

Qulqullina tajaajila dhaabbilee Turizimii fooyyessuuf hojiin qindoominaan hojjetame turtii daawwattootaa dheeressuuf gargaaraa jiraachus dubbataniiru.


 

Bara baajataa kana keessatti lammiileen biyya alaa lakkoofsaan kuma 27 ol ta'an Magaalattii kan daawwatan ta'uufi kanaanis galii Birrii biliyoona 2 tuqaa 9 ol argachuun akka danda'ame ibsaniiru.

Dabalataanis bara baajataa kanatti abbootii qabeenyaa 119 damee Hoteelaa fi Turizimii irratti bobba'uuf ulaagaa guutaniif heeyyamni kennamuusaa eeraniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa gama isaaniitiin, misoomni bakkeewwan gahumsa tuurizimii Magaalittii fi fooyya'insi koriidarii daawwattootaa fi investimantii dabaluu akka danda'e ibsaniiru.

Kanaafis tajaajila mootummaa diijitaala gochuu fi wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo (Masoob) babal'isuun bu'aa gaarii fiduusaa kaasaniiru.


Keessattuu Tajaajila Hoteelaa fi Turizimii dorgomaa taasisuuf qulqullina tajaajilaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hirmaattota waltajjii kana keessaa abbaan qabeenyaa Hoteela Roobii Obbo Damissee Bayyeechaa akka jedhanitti, dhaabbileen Tajaajila Turizimii kennan teeknoolojii yeroo ammaa waliin deemuun qulqullinaa fi dorgommiidhaan hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Turiizimii guddinaa Magaalittii waliin deemu dhiheessuufis bulchiinsi magaalattii hanqina ibsaa fi bishaanii akka furuuf gaafataniiru.

Bakka bu'aan Hoteela Naafleet Obbo Dammisuu Yirbaa gama isaaniitiin, turtiifii daawwattootaa magaalattii keessatti dheeressuuf tajaajila qulqullina qabu kennuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kanaafis Hoteelota Bulchiinsa Magaalattii keessatti argamaniif leenjiin dandeettii ijaarsaa tajaajila sadarkaa isaa eeggate kennuuf gargaaru Bulchiinsa Magaalattiitiin kennamuusaa eeraniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015