Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaanonni hidha hedduu ijaaruuf dandeettiis qophii guutuus qabu-Dr. Aragaawii Barihee

Hagayya 13/2018 (ENA)- Itiyoophiyaanonni hidha hedduu ijaaruuf dandeettiis ta’e qophii guutuu akka qaban hojii raawwachiisaan olaanaa waajjira qindeessaa pirojektii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa Dr. Aragaawii Barihee dubbata.

Waajjirri qindeessaa pirojektii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa hirmaannaa ummataa ijaarsa hidha haaromsaa qindeessuudhaan milkaa’inaan akka xumuramu taasiseera.

Hidhi haaromsaa hubannoo  wal dhahaa bara hedduuf itti fayyadama haqa qabeessa bishaan Abbayyaa kan jijjiire ta’uu hojii raawwachiisaan olaanaa waajjira qindeessaa pirojektii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa Dr. Aragaawii Barihee ENA’tti himaniiru.

Hidhi kun ijaaramuunsaa biyya kamiyyuu kan hin miinee fi inumaayyuu riijinicha inarjiidhaan kan walitti hidhe ta’uusaa qabatamaan mirkaneessuusaa eeraniiru.

Gibxi garuu dhugaa kana ganuudhaan akkuma Kanaan duraa wacaan waliin dhahuuf yaalaa turte yeroo ammaas itti fufuushee dubbataniiru.

Abbayyaan kan biyyoonni inni keessa darbu tumsaan itti fayyadamani malee qabeenya dhuunfaa Gibxii miti kan jedhan Dr. Aragawiin, gama Kanaan duulli Gixbi waliin dhahuuf wixxifachaa jirtu dhaabachuu qaba jedhaniiru.

Kaayyoon olaanaan Itiyoophiyaan qabdu tumsaan guddachuu ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaanonni tumsaan maal fiixa baasuu akka danda’an ijaarsa hidha haaromsaa guddichaan agarsiisuusaanii kaasanii, fuulduras hidha hedduuijaaruuf dandeettiis ta’e qophii guutuu qabu jedhaniiru.

Ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa irratti ummata qindeessuudhaan muuxannoon guddaan argamuusaa dubbataniiru.

Muuxannoon kun hojiilee misoomaa akkasii fuulduratti hojjetamaniif galtee guddaa ta’uusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015