Tajaajilli Lammummaa rakkoo Hawaas -Dinagdee furaa jira - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Lammummaa rakkoo Hawaas -Dinagdee furaa jira
Hagayya 12/2018 (ENA): Tajaajilli Lammummaa rakkoo Hawaas –Dinagdee lammilee hedduutiif furmaata ta'uun cinaatti, hariiroo obbolummaa cimaa hawaasa gidduuttis ijaaraa jira.
Godina Jimmaatti sagantaan Tajaajila Lammummaa qindaa’aan Aanaalee Godinichaa hunda keessatti itti fufee gaggeeffamaa jira.
Haaluma kanaan Aanaa Limmuu Kossaa Magaalaa Ambuyyeetti sagantaa addaa kenna tajaajila lammummaa mataduree "Gaarummaan Ol ka'insa Biyyaaf" jedhuun bakka hoggansi Federaalaa, Naannoo, Godinaafi keessummoonni garaagaraa argamanitti kenna tajaajila lammummaatiin deeggarsi garagaraa harka qalleeyyiif taasifameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa duudhaa ganamaa Ummata Oromoo keessaa kan madde tajaajila lammummaa seeraan tumuun akka humna misoomaa cimaatti hojiirra oolchuudhaan bu'aawwan hedduunis galmaahaa jiru.
Bulchaa Aanaa Limmuu Kossaa Obbo Musxafaa Shariif, hojii kenna tajaajila lammummaa calaqqee namoomaa olaanaa ta'uun cinaatti utubaa hojii misoomaa, dinagdeefi furtuu rakkoolee hawaasummaa akkasumas namoota abdiifi dawoo dhaban hedduudhaaf wabii ta'uun bakka itti dadhabanii fi kufanii kaasuun lammiin lammiif gaachanaa akka ta'ee qabatamaan agarsiisuu ibsaniiru.
Akka Aanichaattis kenni tajaajila lammummaa hirmaannaa ummataan hojjatamaa jiraachuufi bara kana tajaajila lammummaa gosoota 76 tilmaama qarshii biiliyoona 3 ol ta'u raawwachuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuufi namootni kuma 2 ol fayyadamoo akka ta'an dubbataniiru.
Hojiin tajaajila lammummaa gosa gara garaa qarshii miiliyoona 5tuqaa 6 ol ta'an namoota harka qalleeyyiif taasifamuu isaa dubbataniiru.
Bulchaa ittaanaan Godina Jimmaa Obbo Yusuuf Shaaroo hojiilee kenna tajaajila lammummaa maallaqa qusachuu bira darbee ummata biratti miira waliin hojjechuu, misooma biyyaafi naannoo keessatti tokkummaan hirmaachuu, yeroo rakkoo walbira dhaabbachuu sadarkaa olaanaatti guddisaa himaniiru.
Aanaa Limmuu Kossaa Magaalaa Ambuyyeetti sagantaa tajaajila lammummaa gaggeeffameenis namoota harka qalleeyyii ta'aniif deeggarsi Beelladootaa, uffata halkaniifi firaashii, Meeshaalee Barnootaa,Yuuniformiin, Daakuu, Zayitaa Nyaataa, Cuucii Lukkuu, Eelee Elektirikii, Arjoomni dhiigaa gaggeeffameera.
Akkasumas buufata fayyaa Ambuyyeetiif Hospitaalli Waliigalaa Limmuu Gannat meeshaalee wal’aansaa taasifameera.
Dabalataanis Deeggarsi Kitaabolee garaagaraa barattootaaf taasisuu fi manneen harka qal’eeyyii bilookeetiin ijaaruufi hojiiwwan gara garaa raawwatamaniiru jechuun Komunikeeshiniin Aanichaa gabaasera.