Tamsaasa Kallatti:

Ayyaana ijoollee : Ukee, Taaboree

Sirna Gadaa keessatti hunduu gahee fi itti gaafatamummaa mataa ofii akkuma qabu, ijoolleenis sadarkaa Sirna Gadaa keessatti dirqama qaban alatti ayyaanas qofaatti kan kabajatan qabu.

Waqtii Gannaa kessaattuu baatii Hagayya keessa bakka hundatti tokko ta'uus baatu ijoolleen horii tiksuu, warraaf ergamuufi kaaniin Ganna dabarsu.


 

Ijoolleen qofaatti ayyaana kabajatan qabu. Ayyaanota Irreecha dura kabajaman keessaa tokko immoo ayyaana ijoollee dha. Kunis, 'guyyaa bilisummaa' isaaniif eeyyamamedha jedhu hayyoonni.

Aadaa Oromoo keessatti ayyaanota ijoolleen qaban keessaa Ukee, Taaboree, akkasumas Buhee jedhamee kan waamamuus ni jira. Maqaa biraatiin kan waamaman jiraachuu malu jedhu maanguddoonnii Oromoo fi hayyoonni seenaa.

Ukee

Ayyaanni ijoollee kuni wagga waggaan A.L.I Hagayya bultii 13 kabajama. Ayyaanni kuni gara caalu Oromoo Tuulamaa biratti Ukee jedhamuun waamama. Galgala kan kabajamu yoo ta'u ijoolleen loon ni faarsu.

Akkasumas ulee qabatanii gandarra deemaa warra qe'ee maqaa gaariin waamaa, walaloon bareechaa galateeffatu.

Ayyaanni kunis ijoolleen hiriyyummaa akka cimsatan, qe'eefi naannoo isaanii akka baran, dandeettii walaloo walitti fiduufi weellisuullee akka cimsatan gargaara.

Yeroo ayyaana Ukee ijoolleef waan qopheeffamu jira.


 

Yeroo ayyaana Ukee daabboo bixxilleetu tolfama. Maatiinis isa nyaatu. Ijolleen xixiqqoos waggaadhuma waggaadhaan siribiti. Yoggaa isaan dhufan daabboo mulmulee bixxillee sana kennuf.

Sirba sirbanif ijoolleen daabboo qofa fudhatanii hin deebi'an. ''Ijoolleenis warra isaaniif kenneef eebbisanii deemu.

Gaafa ayyaana kanaa mana keessatti nyaanniifi dhugaatiin kaanillee qophaa'ee maatiin akkasumas firri ni sooratu.


 

Ijoolleen sirba qofa miti qacceellee foo'ani qopheessanii gaafa walitti dhufan dhukaasu.

Walaloo yeroo Ukee sirban keessaa mee muraasa ilaa haa ilaallu:

Yaa dureessakoo doottinaa (2)

Boolloo xaddee doottinaa

Yaa dureessakoo doottinaa

Ati maal dhabdee doottinaa …

Akkasumas, ''Ofee dhufe yaa dureecha koo loonan tiksa karra naa bani,'' jedhanii ijoolleen ni sirbu.

Taaboree

Ayyaanni ijoollee kuni gara caalu Oromoo Maccaa biratti Taaboree jedhamee waamama. A.L.I waggaa waggaatti Hagayya bultii 13 kan kabajamu yoo ta'u gara Godina Horro Guduruu Wallaggaa keessa Hagayya bultii 12 kabajama.

'Kuni dhaha waliin walqabata jedhu Maanguddoonni Oromoo.

Ayyaanni kunis akkuma Ukee ijoolleetu kabaja. Haa ta'u malee, Ukee waliin xiqqoo garaagarummaa qaba.


 

Taaboree kabajuuf Godoo ijaaruun barbaachisa. Ijoolleen qe'ee tokko jiran ofuma isaanii muka qe'eetti dhihoo jiru kanneen akka reejjii, anfaarree, abbayyii, ceekaafi kaan muranii Godoo ijaaru.

Ayyanni kuni akkuma Ukee gara galgalaa kan kabajamu yoo ta'u Godoo sana keessatti nyaanni akka cumboo, cororsaa marqaa, qorii fi kaan ijoolleen nyaachuu danda'an dhihaatee ijoolleen akka sooratan ta'a.

Ayyaana kana irratti ijolleen umriin isaanii 9 - 16 ta'an irratti ni hirmaatu.

Ayyaana kana irratti iIjoolleen erga sooratanii booda horii sirbaan galateeffatu.

Taaboree taaboree sa'aa

Taaboree taaboree re'ee

Taaboree taaboree hoolaa … jechuun horii hunda waliin gahu.

Mijuu maatiin dhiheessannis maatiin ni sooratu. Ijoolleefillee kennamuu baatu akkuma Ukee dhugaatiin akka farsoo, daadhii fa'illee ni qophaa'a.

Kanaan alatti garuu ayyaanni kuni ayyaana ijoolleen sadarkaa isaanii adda baasuuf itti fayyadamanidha.

Taaboreen ayyaana ce'umsaati. Fakkeenyaaf inni dhiiraa Godoo sana cabsee fiigee osoo hin qabamiin yoo gindii abbaa isaa qabate, durbis akkasuma qodaa bukoo yoo qabatte bara dhufu ayyaanicha hin kabajani jechuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015