Tamsaasa Kallatti:

Dargaggoota hojii dhabdummaa hojii uumuudhaan kan mo’atan

Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa dargaggoota dameelee xixiqqaa fi giddu galeessaa adda addaan gurmeessuun hojii dhabdummaa hir'isuuf hojjechaa jira.

Qonnaa fi bu’aalee qonnaan qindeessuun oomisha qonnaa, hojii mukaa fi sibiilaa, industiriin kooteejjii, tajaajilaa fi daldala, akkasumas eegumsa naannoo fi hojiilee deebisanii fayyadamuu hojiiwwan dargaggoonni itti gurmaa’an isa ijoodha.


 

Akka dargaggoonni yaada isaanii ENA’f kennan jedhanitti; abdii kutannaa hoji dhabdummaan isaan irra gahaa ture kalaqaan bakka buusanii hojii mataa isaanii irratti bobba’aniiru.

Haala kanaan jireenya ofii fi jireenya maatii isaanii jijjiiruu bira darbee dargaggoota magaalattii biroof hojii uumuun guddina diinagdee magaalattiif shoora isaanii bahachaa jiraachuu dubbatani.

Jiraattuu magaalattii kan taate Fooziyaa Kadir waggaa tokko dura hojii dhabdee rakkachaa akka turte dubbatteetti.

Yeroo ammaa garuu carraa industiriin Goojjoo magaalittii uumeefiitti fayyadamtee hojii mukeen mocuu irratti bobba’uun of danda’uu bira darbitee namoota biroof carraa hojii uumuu dandeesseetti.

Dargaggeessi biraa Abdurrazaaq Shawumoloo jedhamu hiriyyoota isaa sadii waliin ta'uun bulchiinsi magaalichaa industirii Goojjoo keessatti haala mijeesseefiin hiriyyoota isaa sadii waliin dhadhaa loozii omishuun gabaaf dhiyeessaa jiraachuu dubbateera.


 

Bakka hojii dabalatee deeggarsi barbaachisaa ta’e akka isaaniif taasifamuu himuun; akkasumas wantootni nyaataa isaan qopheessan qoratamee qulqullinni isaanii mirkanaa’ee waan ta’eef, oomisha isaanii ofitti amanamummaa guutuudhaan gabaaf dhiyeessuun fayyadamoo ta’uu danda’aniiru.


 

Toora qulqullinaa fi deeggarsa gosa kanaa hojiin abbootii qabeenyaa isaanii itti fufiinsa akka qabaatu taasiseera jedhan; kanaanis ofii isaaniitiin ala namoota biroof carraa hojii uumuu danda’aniiru.


 

Jituu Abdoo fi Hikmaa Mahaammadnaasiris carraa kanaan fayyadamoo warreen ta’anidha.


 

Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi ogummaa Magaalaa Jimmaatti gaggeessaan Garee Hojii Uumuu obbo Ashannaafii Girmaa akka jedhanitti, magaalicha keessatti pirojektoonni dargaggoota fayyadamoo taasisan hedduun hojjetamaa jiru.


 

Kanarraa kan ka’e bara baajataa xumurame keessatti industiriiwwan Goojjoo dabalatee waldaaleen kuma 3 fi 279 lammiilee kuma 31 fi 659’f carraa hojii uumuu danda’aniiru.

Bu’a qabeessummaa waldaalee kanaaf liqii fi iddoo hojii dabalatee wantoonni barbaachisoon mijeeffamuu ibsaniiru.

Bara baajataa haaraa kana keessatti waldaalee kuma 4 fi 100 gurmeessuun namoota hedduuf carraa hojii uumuuf karoorfamuu eeruun; dhimmoota walitti hidhamiinsa gabaa dargaggoonni ka’aniif deebii kennuuf qooda fudhattoota waliin hojiin bal’aan hojjetamaa jira jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015