Marichi Nageenya waaraa buusuun Itoophiyaa fooyyee qabdu dhugoomsuuf carraa guddaa uuma - ENA Afaan Oromoo
Marichi Nageenya waaraa buusuun Itoophiyaa fooyyee qabdu dhugoomsuuf carraa guddaa uuma
Hagayya 12/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa nageenya waaraa mirkaneessuun Itoophiyaa fooyyee qabdu dhugoomsuuf carraa guddaa uuma jedhanii akka abdatan jiraattonni Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbii ibsan.
Yaa'iin walii galaa Marii Biyaalessaa Itoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 A.L.I jalqabee Wiirtuu Konveenshinii Idil-Addunyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Yaa'ii kana irratti bakka bu'oonni uummataa kuma afur kanneen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan bakka bu'an, dhimmoota gurguddoo saddeet irratti waliigalteerra gahuuf marii hirmaachisaa ta'e taasisaa jiru.
Dhimma kana ilaalchisee jiraattonni Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbii ENA’f yaada kennani, mariin kun nageenya waaraa mirkaneessuun Itoophiyaa fooyyee qabdu dhugoomsuuf carraa guddaa uuma jedhaniiru.
Jiraataan Aanichaa Ganda Hariiroo Obbo Ibiraahim Mahaammad akka jedhanitti; odeeffannoo Miidiyaarraa argataniin yaa'ii marii biyyaalessaa irratti adeemsi haala ifaa fi abdachiisaa ta'een gaggeeffamaa jiraachuusaa akka hubatan ibsaniiru.
Mariin kun aadaan wal dhaggeeffachuu fi waliigaltee kan irratti mul'ate, Itoophiyaa fooyyee qabdu ijaaruuf carraa fi abdii kan qabu carraa guddina biyyaa cimsuu fi nageenya kan ariifachiisu uuma jedhanii amanuu isaanii ibsaniiru.
Obbo Husseens mariin kun Itoophiyaa fooyyee qabdu dhugoomsuuf carraa guddaa kan uume ta'uu eeraanii, biyyaa fi uummataaf waan caalu qabatees akka dhufu abdii qaban ibsaniiru.
Jiraataan ganda sanaa kan biraan Obbo Ahmed Mahammad gama isaaniitiin; dhimmoota waliinii irratti waliigaltee uumuu waltajjii marii taasiisuun isaa mataan isaa milkaa'ina guddaadha jedhaniiru.