Gareen Hoggantoota Seeraan Alaa ABUT filannoon dhumaa isaan qaban harka isaanii Mootummaa Federaalaatti kennachuudha – Dr.Aregaawwii Barhee - ENA Afaan Oromoo
Gareen Hoggantoota Seeraan Alaa ABUT filannoon dhumaa isaan qaban harka isaanii Mootummaa Federaalaatti kennachuudha – Dr.Aregaawwii Barhee
Hagayya 12/2018 (ENA) - Hoggantoonni seeraan alaa ABUT filannoon dhumaa qaban osoo yeroon isaanitti hin darbiin harka isaanii Mootummaa Federaalaatti kennuu dha jedhan hundessaan ABUT duraanii Dr.Aregaawwii Barhee.
Dr. Aregaawwii Barhee ENAtti akka himanitti, Itoophiyaan biyya cimtuu qormaata ishee mudate hunda injifannoon ce'uuf muuxannoo qabdudha jedhaniiru.
Kanaan walqabatee, yaaliin gareen Seeraan Alaa ABUT yeroo adda addaatti ergama humnoota alaa fudhachuun Itoophiyaa jeequuf godhe guutummaatti hin milkoofne jedhaniiru.
Ammas taanaan, carraaqqiin inni qaama balleessaa kanaa ta'uun godhu gonkumaa kan hin milkoofnee fi eessayyuu ga'u kan hin dandeenye ta'uu ibsaniiru.
Shaabiyaan muka gogedha kan jedhan Dr. Aregaawwiin, dargaggoota Eertiraa fixee ammas dargaggoota Tigiraay kaayyoo isaaf itti fayyadamuuf carraaqaa jira jedhaniiru.
Gareen seeraan alaa ABUT garuu garee goge kana waliin maxxanee tattaafachuunsaa dhumni isaa baduu qofa ta'uusaa ibsaniiru.
Kanaafuu, hoggantoonni garee seeraan alaa kun filannoon dhumaa qaban karaa badisaa kanaan dura hordofaa turan dhiisuun harka isaanii Mootummaa Federaalaatti kennuu akka ta'e gorsaniiru.
Mootummaan Federaalaa deddeebisee harka isaa nageenyaaf diriirsaa turuu isaa fi hidhattoonni baay'eenis waamicha kana fudhachuun gara jireenya nagaatti deebi'aa jiru jedhaniiru.
Akka hidhattoota biroo hunda, hoggantoonni garee seeraan alaa ABUT carraa nageenyaa dhiyaateefitti akka fayyadaman cimsani dhaamaniiru.
Mootummaan Federaalaa yeroo hoggantoonni garee kanaa filannoo nageenyaa hordofan akka hidhattoota birootti akka isaan simatuuf gahee nurraa eegamu ni bahanna jedhaniiru.