Tamsaasa Kallatti:

Bakka Bu'oonni Ajandaa Walsimsiisaa turan garee hojii isaaniitiif dhiyeessan

Hagayya 11 bara 2018

Bakka bu'oonni yaada ajeendaa walitti qaban 15 gareewwan hojii saddeettan irraa walitti babbahan yaada ajeendaa qindeessan garee hojii isaaniitiif dhiyeessanii jiru.

Gareewwan hojii miseensota 500 qaban saddeettan irraa tokkoon tokkoo isaanii irraa bakka bu'oonni 15, walumaagalatti miseensota 120 qabu Kamisa darbe Hagayya 7 bara 2018 irraa eegalee gareewwan hojii hundumaa keessatti yaada ajeendaa ka'an caqasuudhaan yaada qindaawaa dhiyeessuu kan dandeessisu hojii hojjechaa turaniiru.


 

Bakka bu'oonni garee hojii tokkoon tokkoos yaada ajeendaa garee isaanii irra deebii jiru dhabamsiisuun, yaadota hin qindaa'iin gurmeessuun sanada qindaawaa qopheessuudhaan har'a Hagayya 11bara 2018 waaree booda garee hojii miseensota 500 qabuuf dhiyeessaniiru.

Gareewwan hojii saddeettan ajeendaawwan gurmaa'an dhiyaatanii qindeessuu fi yaada dabalataa irratti dabaluudhaan sanadni dhumaa akka qophaawuuf gareewwan qindeessaniif deebisaniiru.

Gareewwan yaada dabalataa walitti qabuudhaan yaada ajeendaa walsimsiisanis yaadota kennamaniif sagantaa boruu ganamaa keessatti hammatachiisuun gareewwan hojii isaaniitiif sagantaa waaree boodatiin irra deebi’uun dhiyeessuudhaan akka raggaasisan ni eegama.


 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015