Poolisiin Finfinnee suur-sagalee osoo mucayyoo reebamaa jirtu tokko agarsiisuu miidiyaa hawaasaarra naanna'u qorachuu beeksise - ENA Afaan Oromoo
Poolisiin Finfinnee suur-sagalee osoo mucayyoo reebamaa jirtu tokko agarsiisuu miidiyaa hawaasaarra naanna'u qorachuu beeksise
Hagayya 11/2018 (ENA): Shammarran barattootaa ta’an Firdoos Mahaammad, Eedan Daawwitii fi Haanii Huseen jedhaman Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 4 naannoo Alambankitti hiriyyaa isaanii osoo reebaa jiranii suur-sagaleen gaddisiisaan agarsiisuu tokko miidiyaa hawaasaarratti tamsaʼeera.
Viidiyoon nama gaddisiisu miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'uu isaa hordofee, namoonni gocha kana raawwatan seeraan akka gaafataman hawaasni yaada kennaa jiraachuun isaa kan yaadatamudha.
Kana hordofuun hawaasni warreen gochicha raawwatan akka seeraan itti gaafataman hawaasni yaada isaa dhiyeessaa tureera.
Poolisiin Finfinnee akka beeksisetti, gochi kun Onkoloolessa 14 bara 2018 kan raawwatame yoo taʼu, suur-sagaleen kun miidiyaa hawaasaa irratti osoo hin tamsaʼin jiʼoota dura, shakkamtoota gocha kana raawwatan sadan toʼannoo jala oolchuun qorannoo gaggeessera.
Barattootni sadan yakka kanaan shakkaman mana murtiitti dhiyaatanii, ajaja kennameen beellama yeroo murtaaʼeef hidhamanii turu poolisiin beeksiseera.
Poolisiin ragaa barbaachisaa walitti qabuun qorannoo isaa xumuree, galmee dhimmaa kanaa qaama haqaa dhimmi ilaallatuuf erguus ibseera.
Haa taʼu malee,suur-sagaleen intalli kun yeroo reebamaa jirtu agarsiisu tamsaʼuun intalattiifi maatii ishee irratti dhiibbaa hamaa uumuu waan dandaʼuuf, qaama suur-sagalee kana gadhiise adda baasuuf poolisiin shakkamtoota sadan irra deebiin toʼannoo jala oolchuun qorannoo dabalataa gaggeessaan jira jedheera.
Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee, hawaasni gocha kana balaaleffachuun, namootni yakkicha raawwatan seeraan akka itti gaafataman aantummaa argasiiseef dinqisiifateera jechuun odeeffannoon Qajeelcha poolisii Finfinneerraa argame mul’isa.