Yunivarsiitiin Bulee Horaa Albuudaarraa galii barbaachisaa argamsiisuuf Barnootaan, Qorannoo fi ijaarsa dandeettiin shoora isaa bahaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitiin Bulee Horaa Albuudaarraa galii barbaachisaa argamsiisuuf Barnootaan, Qorannoo fi ijaarsa dandeettiin shoora isaa bahaa jira
Hagayya 11/2018 (ENA): Itoophiyaan Albuudarraa galii isheef malu akka argattuuf Yunivarsiitiin Bulee Horaa Barnootaan, Qorannoo fi ijaarsa dandeettiitiin shoora isaa bahaa jiraachuu beeksise.
Dameen Albuudaa guddina dinagdee walii gaalaatiif fi argama sharafa alaa keessatti gumaacha olaanaa waan taasisuuf xiyyeeffannoon kan kennameef yoo ta'u, damicha ammayyeessuufi dandeettii isaa guddisuuf teeknooloojii, qorannoofi leenjii ogeessotaa irratti hojiiwwan hedduun hojetamaa jiru.
Akkasumas Hawaasa Naannichaa hojii Albuuda baasuu mala Aadaa irraa gara ammayyaatti ceesisuun, hojii Albuudaa baasuu fulla’aa fi fayyaalessa ta'e ijaaruuf carraaqqiin tasifamaa jira.
Yunivarsiitiin Bulee Horaa Albuuda, Beekumsa Mandhalee, Qonnaafi beellada akkasumas damee Fayyaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira.
Itti gaafatamaan Kutaa Barnoota Gii’ooloojii fi Albuudaa Yuunivarsiitichaa Obbo Musxafaa Mahaammad akka ibsanitti, Yuunivarsiitichi yeroo ammaa sadarkaa digirii fi digirii lammaffaatiin (maastersiin) barattoota Maayiningii fi Gii’ooloojiitiin barsiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojii baruu fi barsiisuun alaas, hojii qo’annoo fi qorannoon rakkoo hawaasaa furuuf damee albuudaa irratti qorannoo garaa garaa gaggeessaa jiraachuu eraniiru.
Yeroo ammaa Itoophiyaan damee Albuudaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuu ishee caqasuun, galii damicharraa argachuu qabdu akka argattuus barnootaan, qorannoofi deeggarsa ijaarsa dandeettiitiin shoora isaa bahaa jira jedhaniiru.
Hojii Albuudaa kanaan dura mala aadaa ture ammayyeessuuf leenjiifi deeggarsa ijaarsa dandeettii kennuudhaan hawaasni mala aadaa irraa gara ammayyaatti akka ce'u leenjiiwwan dandeessisan kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Itti Aanaa Pirezidaantii Akkaadaamii Barnootaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Gabayyoo Ashaagiree akka jedhanitti, Yuunivarsiitichi damee Albuudaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan sagantaawwan sirrii ta'an qopheessee hojjechaa jira.
Albuudni Sadarkaa Dhaabbataatti akka of danda'uuf Laabiraatooriiwwan kurfeessuu, barsiisota muuxannoo qaban walitti qabuufi Yuunivarsiitiiwwan gurguddoo garaa garaa waliin ta'uun barsiisuu, qorannoofi tajaajila hawaasaa tumsaan hojjechaa jiru.
Kanaafis laaboraatooriin ammayyaa gurmaa'uu eeruun, biyyattiin naannicharraa fayyidaa argachuu qabdu akka argattuus hojii barsiisuufi qorannoo irratti waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Tamasgeen Dabaloo gama isaaniitiin, Yuunivarsiitichi Albuuda akka kallattii xiyyeeffannoo tokkootti akka irratti hojjetu mootummaan kan barbaadeef Naannoon Gujii Albuudota hedduu kan qabu waan ta'eefi jedhaniiru.
Kanaafis Yuunivarsiitichi Albuuda akka kallattii xiyyeeffannoo gudaatti godhatees hojjeta jedhaniiru.