Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan Naannowwan Baadiyyaatti Pirojektii Annisa Aduu hojiirra oolchaa jira

Hagayya 11/2018 (ENA): Mootummaan Naannoowwan Sarara Elektiriikii gudaarraa fagaatanitti madden Anniisaa Aduu bal'isuuf carraaqqiin taasisu dhaqqabamummaa Elektiriikii dabalaa jiraachuu Ministeerri Bishaanfi Inerjii ibse.

Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Gudinaatti Pirojektiin Aannisaan Aduu baajata birrii miiliyoona 800 ol ta'uun ijaarame eebbifamee tajaajila kennuu eegaluunsaa ibsameera.


Deetaan Ministira Bishaaniifi Inerjii Dr.Injiinar Sulxaan Walii pirojekticha eebbisuun yeroo hojii eegalchiisaan akka jedhanitti, sarara gudaan alatti hojiin Annisaa babal’isuu raawwatamu dhaqqabamummaa elektiriikii dabalaa jiraachuu dubbataniiru.

Kanaanis dhaqqabamummaan Elektiriikii Itoophiyaa waggaa shaniin dura dhibbeentaa 43 irra kan ture gara 63 tti gudachuu ibsuun; kanaafis maddeen Annisaa Aduu shoora olaanaa gumaachuusaa dubbataniiru.


 

Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Gudinaatti ijaaramuun Isteeshiniin Annisaa Aduu Haalo Gubbaa, torban Baatee fi Haaro Eebbaa hojiif banaa ta’e maatii kuma 5 ol tajaajiluu kan danda'an ta'uu isaanii dubbataniiru.

Naannowwan baadiyyaatti hojiin Tajaajila Elektiriikii dhaqqabsiisuu cimee kan itti fufu ta'uu eeruun; uummannis pirojektiiwwan ijaaraman eeguu fi kunuunsuun itti gaafatamummaa isaa akka bahatu hubachiisaniiru.

Itti Aanaa Bulchaa Godina Harargee Lixaa Obbo Tashooma Kabbadaa gama isaaniitiin, Godinichatti bara bajataa kanaan birrii biiliyoona ja’a oliin pirojektiiwwan misoomaa ijaaramanii xumuramuun tajaajilaaf ga’uu ibsaniiru.

Jiraattonni aanichaa akka jedhanitti, kanaan dura tajaajila baabura Midhaan daaku argachuuf kiiloomeetira 25 ol deemuuf dirqamaa akka turaniifi amma garuu naannoo jireenya isaaniitti tajaajilicha argachuu danda'uu isaaniitti gammaduu isaanii dubbataniiru.

Keessattuu tajaajila Elektiriikii Mana keessatti fayyadamuu isaaniitiin alatti hanga Manneen Barnootaafi Dhaabbilee Fayyaatti dhaqqabuusaatti gammaduu isaanii ibsaniiru.

Pirojektiiwwan kunniin waggaa tokkofi ji'a ja'a hin guunne keessatti baasii birrii miiliyoona 800 oliin kan ijaaraman ta'uun; walumaagalatti humna kiiloowattii 931 ol maddisiisuu kan danda'u ta'uun ibsameera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015