Ibsa Haala Adeemsa Marii Biyyaalessaa Hanga Ammaarratti kenname - ENA Afaan Oromoo
Ibsa Haala Adeemsa Marii Biyyaalessaa Hanga Ammaarratti kenname
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa adeemsa walabummaa, hammattummaafi hirmaachiisummaa marii biyyaalessaa ilaalchisee ibsa kenneera.
Komishinichi Labsii Lakkoofsa 1265/2014’n kan hundeeffame, mariin biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti nagaa waaraa, waliigaltee fi sirni dimokraatawaa akka dagaaguuf faayidaa biyyaalessaa olaanaa qabu hubachuun, hojiiwwan hedduu raawwachaa tureera.
Waltajjiin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Adoolessa 08/2018 ifatti sirna guddaan kan jalqabame, Komishinichi sirna hojii fi karoora ofii isaa bilisaa fi walaba ta’een qopheesse irratti hundaa’uun haala gaariin gaggeeffamaa jira.
Adeemsi marii biyyaalessaa kun garaagarummaa siyaasaa fi hawaasummaa gadi fagoo fi walxaxaa Itoophiyaa mudachaa ture marii fi karaa nagaa ta’een furuuf carraa seenaa qabeessa banamedha.
Adeemsi kun nagaa waaraa fi tokkummaa biyya keenyaa keessatti faayidaa guddaa waan qabuuf, qaamoleen hundi akka kan isaanii ta’etti kunuunsuu qabu.
Komishinichi aangoo fi itti gaafatamummaa seeraan kennameef irratti hundaa’uun adeems marichaa walabummaa, hammattummaa fi hirmaachisummaa qaburratti hundaa’uun gaggeessuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjechaa jira.
Adeemsi marii kun paartii siyaasaa kamiyyuu, qaama mootummaa ykn garee addaa tokkoof ajandaa siyaasaa isaa raawwachiisuuf kan oolu miti.
Kanarra fooyyeefi fudhatamummaa kan qabu fedhiifi ilaalchootni garaagaraa walqixa kan itti dhiyaatan, mariidhaan waliigaltee waliinii uumuuf kan itti hojjetamu waltajjii biyyaalessaadha.
Adeemsa kana keessatti rakkoolee fi qormaatileen mudatanis jiru. Yeroodha gara yerootti hanqinoota Komishinicha ykn hirmaattota marii biratti mul’atan, akkasumas komiiwwan uumaman sirnaan furuufi deebii kennuuf carraaqqiin taasifameera. Bu’aan argame kunis tattaaffiiwwan akkasii dabalatee kan argamedha.
Kana ilaalchisee, Komishinichi ibsa Paartiin Sochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABN) dhiheenya kana hojii fi adeemsa Komishinichaa ilaalchisee baase hordofee ibsa armaan gadii kennuun barbaachisaa ta’ee argameera.
Haaluma kanaan, ilaalcha ABN adeemsi kun hammataa fi hirmaachisaa miti jedhu ilaalchisee, Komishinichi qorannoo fi mirkaneessa barbaachisaa erga taasisee booda, xumura paartii siyaasichaa kana akka hin qooddanne ibsuu barbaada.
Waltajjii marii biyyaalessaa keessatti, bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa garaagaraa, paartileen siyaasaa, dhaabbilee fi waldaalee, qaamolee mootummaa federaalaa, naannolee fi bulchiinsa magaalotaa, Itoophiyaanotni dhibba uumtootniifi beekamoon, humnoota duraanii hidhatan duraanii socho’aa turaniifi waamicha karaa nagaa fudhachuun galan, hawaasa diyaasporaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroo bakka bu’uummaan, sagaleewwan garaagaraa adeemsa kana keessatti hirmaachaa fi dhaggeeffatamaa jiru.
ABN’nis paartilee siyaasaa hanga ammaatti adeemsa marii kana keessatti dammaqinaan hirmaannaa taasisan keessaa isa tokkodha.
Komishinichi komiifi iyyata hirmaataa marichaa kamiyyuu salphaatti kan bira darbu miti. Komiiwwan qaamolee garaagaraa, ABN dabalatee, dhiyeessaniifis sirna furmaata komii irratti hundaa’uun deebii kennaa jira.
Yaadota ijaarsaa fi komiiwwan adeemsa marii fooyyessuuf dhiyaatanis sirnaan ilaaluun, hanga adeemsa marii fudhatama qabuufi bu’a qabeessa taasisuuf gumaachanitti, akka galteetti fayyadamuuf Komishinichi qophiidha.
Kanaaf, Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa carraa kanaan ABN fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo adeemsa marii isa hafe keessatti dammaqinaan akka hirmaataniifi waliigaltee waliinii uumuuf akka waliin hojjetan kabajaan waamicha dhiyeessa.
Marii biyyaalessaa jechuun injifannoo gama tokkoo ykn mo’icha gama biraa miti. Marichi adeemsa Itoophiyaan rakkoolee ishee mudataniif furmaata waliinii ittiin barbaaddu, kan hundumaaf bu’aa fi injifannoo fiduuf gargaarudha.
Komishinichis sagalee lammiilee fi hirmaattota marii hunda walqixa dhaggeeffachuufi adeemsa kana bilisummaafi walabummaan gaggeessuuf kutannoo qabu irra deebiin mirkaneessa.
Dhumarratti, Komishinichi uummattoota Itoophiyaa, paartilee siyaasaa, waldaalee siiviikiifi dhaabbilee garaagaraa, milkaa’ina marii kanaaf gumaacha gaariifi itti fufiinsa qabu taasisan hundi ammas akkaataa jalqabaniin cimsanii akka itti fufan cimsee kabajaan gaafateera.
Itiyoophiyaan Mari’achaa jirti!
Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa!
Hagayya 11/2018
Finfinnee