Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan dhiibbaa gaarii naannichatti uumaa jirtu irraa kan ka’e maqaan ishee guddachaa jira

Hagayya 11/2018 (ENA): Itiyoophiyaan dhiibbaa gaarii naannichatti uumaa jirtu irraa kan ka’e maqaan ishee guddachaa jira jedhan Daarektoreetii Waliigala Ittisaa Hariiroo Alaa fi Tumsa Waraanaatti Daayreektarri Leenjii Letenaal Koloneel Minaasee Haayiluu.

Itiyoophiyaan Nagaaf tasgabbii Gaanfa Afrikaaf gahee olaanaa bahachaa jirti jedhe Jilli Raayyaa Ameerikaa.

Ka’umsa isaa Kaarood Ayilaand kan taasise Jilli Raayyaa Ameerikaa giddugala kabachiisa nageenyaa Raayyaa Ittisa biyyaatti leenjii kennuu eegaleera.


 

Leenjichi biyyoonni lameen damee loltummaan waloon hojjechuuf waliigaltee taasisan ka’umsa godhachuun kan qophaa’e yoo ta’u, wayita ergama loltummaa bahatan mirga namoomaa fi seeroota loltummaa idil addunyaa irratti kan xiyyeeffatedha.

Raayyaa Ittisa Biyyaatti Daayrektarri Olaanaa Hariiroo alaa fi tumsa loltummaa Leetenaal Koloneel Minaasee Hayiluu akka jedhanitti, dhiibbaa gaarii Itiyoophiyaan naannawichatti uumaa jirtuun dhaggeeffatamummaan ishee guddachaa dhufeera.

Biyyoonni tasgabbii dhaban Gaanfa Afrikaa keessa jiran Itiyoophiyaa malee furuun akka hin danda’amne hubachuun, faayidaa waliinii mirkaneessuuf Itiyoophiyaa waliin hojjechaa jiru jedhan.


 

Leenjichi Itiyoophiyaan ergama nageenya eegsisuuf keessattuu dirqama, sochiiwwan waraanaa yeroo gaggeessitu, mirga namoomaa fi seerota idil addunyaa eeguu keessattii beekuumsa haaraa kan uumuu ta’uu dubbataniiru.

Leenjicha kennuu qofa osoo hin taane, muuxannoo bal’aa raayyaan Ittisaa qaburraayyis kan qooddatan ta’uu kaasaniiru.


 

Qindeessan leenjichaa Letenaal Koloneel Zaakarii Maakaartar gamasaaniin, Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaatti keessattuu nageenyaa fi tasgabbii Somaaliyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru.

Ameerikaan Itiyoophiyaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechaa jiraachuu eeranii, leenjichi hojiiwwan loltummaan biyyoonni lameen caalmaatti bu’aa qabeessa akka ta’an isaan gargaara jechuu miidiyaa onlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa ENA’f ergee ni mul’isa

 

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015