Godina Wallagga Lixaatti Tajaajila Lammummaa Gannaan barattoota kuma 40 ol ta’aniif Barnoonni dabalataa kennamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Wallagga Lixaatti Tajaajila Lammummaa Gannaan barattoota kuma 40 ol ta’aniif Barnoonni dabalataa kennamaa jira
Hagayya 11/2018 (ENA): Godina Wallagga Lixaatti Tajaajila Lammummaa gannaatiin barattoota kuma 40 ol ta'aniif barnoonni dabalataa kennamaa jiraachuu Waajjirri Barnoota Godinichaa beeksise.
Godinni Wallagga Lixaa adeemsa baruu fi barsiisuu bu'a qabeessa gochuufi rakkoolee sadarkaa sadarkaan jiran furuuf barsiisota tola ooltotaa fi barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo qindeemsuun tajaajila tola ooltummaa gannaa bal’aan gaggeeffamaa jira.
Godinichatti Manneen Barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatti dandeettii barattootaa cimsuuf sagantaalee adda addaa qopheessuudhaan, bara barnoota haaraaf bu'uura cimaa kaa'uu fi qabxii darbiinsaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojii bal'aa hojjetaa jiru.
Itti Aanaan Hogganaa Waajjira Barnoota Godinichaa Obbo Tasfaayee Xoonee ENA’f akka ibsanitti, godinichatti qulqullina barnootaa fooyyessuuf tajaajila Lammummaa gannaan damee barnootaan hojiileen garagaraa raawwatamaa jiru.
Qaama tajaalila Lammummaa gannaa kan ta'e kenninsi barnoota dabalaataa barattootaa gannaa manneen barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa 895 keessatti barattoota kuma 40 fi 387 f kennamaa akka jiru ibsaniiru.
Kunis barattoonni barnoota fuulduratti baratan dursaanii akka hubataniif dandeettii isaanii gabbisuun barnoota idileetiin bu'a qabeessa akka ta'an kan gargaaru ta'uu addeessaniiru.
Kana cinaattis bara barnoota dhufuuf ijaarsi bu’uuraalee Misoomaa fi hojiin fooyya’insa barnootaa tola ooltotaan bal’inaan raawwatamaa akka jiru kaasaniiru.
Keessattuu godinichatti qabxii barattootaa fooyyessuuf bara barnoota xumurame keessa hojiileen bal'aan raawwatamaa turuu isaanii ibsaniiru.
Haaluma kanaan barattoota bara 2018 qormaata kutaa 6ffaa fi 8ffaa fudhatan keessaa dhibbeentaa 74 ol kan ta'an qabxii darbiinsaa galmeessisuu isaanii eeraniiru.
Bara barnoota haaraa dhufuttis bu'aa kana gara dhibbeentaa 80tti ol guddisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojii qindoominaa raawwachuuf garanumaan qophaa'uu isaanii hubachiisaniiru.
Godinichatti daarektarri Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Laaloo Asaabii Obbo Shuraamuu Efireem gamasaaniitiin, tajaajila tola ooltummaa gannaatiin barattoota 180’f barnoota dabalataa kennuusaanii dubbataniiru.
Sagantaa kana irratti barsiisonni aanaa fi barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo garagaraa irraa walitti babahan hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.
Kunis barattoonni barnoota fuulduratti baratan dursaanii akka hubatanii barnoota daree Idileetti kennamu salphaatti akka qabatanii fi qulqullina barnootaa eeguu bira darbee qabxii barattootaa fooyyessuu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Barattoota barnoota dabalataa fudhatan keessaa barataan kutaa 8ffaa Tamasgeen Misgaanaa, barnoonni sagantaa kanaan kennamaafii jiru barnoota daree idileetti baratan salphaatti akka hubatan kan gargaaru ta'uu dubbateera.
Barattuu Iilaamee Salamoon gamasheetiin barnoonni dabalataa kennamaafii jiru bara barnoota dhufuuf bu'a qabeessa akka isaan taasisu dubbatteetti.