Tamsaasa Kallatti:

Yuunivarsiitiin Bulee Horaa galii sirrii albuuda irraa argamuuf barnootaan, qorannoo fi ijaarsa dandeettiitiin gumaachaa jira

Hagayya 11/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Bulee Horaa galii sirrii albuuda irraa argamuuf barnootaan, qorannoo fi ijaarsa dandeettiitiin gumaachaa jiraachuu beeksise.

Dameen albuudaa guddina diinagdee waliigalaa fi galii sharafa alaa keessatti gumaacha olaanaa akka taasisu xiyyeeffannoon addaa kennamee, damicha ammayyeessuun dandeettii isaa guddisuuf hojiiwwan hedduun teeknooloojii, qorannoo fi leenjii ogummaatiin hojjetamaa jiru.

Kana malees, hawaasa naannoo mala aadaa irraa gara ammayyaatti jijjiiruun adeemsa albuudaa itti fufiinsa qabuu fi fayya qabeessa ta’e ijaaruuf tattaaffiin taasifamaa jira.

Yuunivarsiitiin Bulee Horaa albuuda, beekumsa mandhalee, qonnaa fi horsiisa beeyladaa, akkasumas damee fayyaa irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.


 

Yunivarsiitichatti Hogganaan Kutaa Saayinsii Dachee fi Albuudaa obbo Musxafaa Mahaammad akka jedhanitti, yeroo ammaa Yuunivarsiitichi barattoota sadarkaa digirii jalqabaa fi lammaffaa albuudaa fi ji’ooloojiitiin barsiisaa jira.

Barsiisuun alattis damee albuudaa irratti qorannoo adda addaa gaggeessuun rakkoo hawaasaa qorannoo fi misoomaan furuuf gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Teessumni teessuma lafaa mijaa’aan yuunivarsitichi albuudaan kan badhaadhe ta’uu ibsuun, kunis sababoota yunivarsiitichi damichaaf xiyyeeffannoo addaa kenneef keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan yeroo ammaa damee albuudaaf xiyyeeffannoo addaa kennitee galii damee kanarraa malu akka argattu damee barnootaan, qorannoo fi ijaarsa dandeettii keessatti gahee ishee bahaa akka jirtu hubachiisaniiru.

Hojii albuudaa kanaan dura haala ammayyaa hin taaneen hojjetamaa ture ammayyeessuuf leenjii kennaa akka jiran, akkasumas hawaasni mala aadaa irraa gara ammayyaatti akka ce’u gargaaruuf leenjii fi deeggarsa ijaarsa dandeettii kennaa akka jiran ibsaniiru.


 

Akka Itti aanaan Pireezidaantii Akaadaamii Yunivarsiitii Bulee Horaa Gabayyoo Ashaagiree (PhD) jedhanitti, yuunivarsiitichi damee albuudaa xiyyeeffannoo addaatiin sagantaalee mijatoo ta’an dizaayinii gochuu irratti hojjechaa jira.

Yuunivarsiitichi sadarkaa inistiitiyuutiitti of gurmeessuu laaboraatooriiwwan gurmeessuu, barsiisota muuxannoo qaban walitti qabuu, Yuunivarsiitii gurguddoo adda addaa waliin ta’uun barnoota, barsiisuu, qorannoo, fi tajaajila hawaasaa gaggeessuu irratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaafis laaboraatooriin ammayyaa gurmaa’uu eeruun, biyyi naannoo irraa fayyadamoo akka ta’uuf baruu, barsiisuu, fi qorannoo irratti waliin hojjechaa akka jiran ibsaniiru.


 

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Tamasgeen Dabaloo (PhD), gamasaaniitiin, mootummaan yuunivarsitichi albuuda irratti akka xiyyeeffatu kan barbaade inni guddaan naannoon Gujii albuuda hedduu waan qabuufidha jedhan.

Kanaafidha yunivarsiitichi albuuda irratti xiyyeeffannaa ijoo godhatee hojjechaa kan jirus jedhaniiru.

 

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015