Tamsaasa Kallatti:

Yuunivarsiitiin Jimmaa Sagantaalee Barnootaa digiirii 2ffaa haaraa 20 qopheessuun gara hojiitti seensisaa jira

Hagayya 11/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Jimmaa fedhii biyyaafi guddina teeknoolojii yerichaa kan gidduugaleeffate sagantaalee barnootaa digirii 2ffaa haaraa dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun qopheessee gara hojiitti seensisaa jiraachuu beeksise.

Yuunivarsiitichi sagantaalee digrii lammaffaafi sadaffaa (Mastersii fi PhD) 20 qopheessee gara hojiitti seensisaa kan jiru yoo ta'u, sagantaaleen kunis Itoophiyaatti Lammiilee Sadarkaa Addunyaatti dandeettii qaban, guddina Teeknoolojii waliin kan tarkaanfataniifi dorgomaa ta'an horachuuf kan kaayyeffatame ta'uu ibseera.


Sadarkaa Qulqullina sagantaalee kanaa mirkaneessuuf ogeessota biyya keessaafi Alaaf, Hayyoota Yuunivarsiitichaa fi qaamolee qooda fudhattootaa waliin qorannoo gadi fageenyaa gaggeeffamaa akka jiru Itti Aanaan Pirezidaantii Dhimma Akkaadaamii Yuunivarsiitichaa Doktar Taaddasaa Habtaamuu ibsaniiru.

Barri kun bara teeknoolojiin ariitiidhaan jijjiiramaa jiru waan ta'eef, sagantaaleen haaraa kunis guddina teeknoolojii baraa haala madaaluun kan qophaa’an ta'uu isaaniiru.

Gara biraatiin, Daayirektarri Kutaa Barnoota digirii 2ffaa Yuunivarsiitii Jimmaa Doktor Baqqaaluu Farradaa akka ibsanitti, sagantaaleen haaraa kunis kallattii Misoomaafi guddina biyyaa irratti hundaa’anii kan qophaa’an ta’uu addeessaniiru.


Sagantaalee kana keessatti barattoonni leenji'an adeemsa guddina biyyaa keessatti gahee qaban akka bahanii fi ashaaraasaanii akka kaa’aniif yaadamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaaleen kunis qo’annoo barbaachisu hunda kan darban ta'uu kan eeran daayirektarri kun, guutummatti gara hojiitti galchuuf qophiileen hafan xumuramaa akka jiran addeessaniiru.

Yuunivarsiitichi gara fuulduraattis sagantaalee walfakkaatan qopheessuudhaan lammiilee dandeettii qaban horachuu hojii isaa cimsee kan ittifuufu ta'uu ibseera.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015