Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Adaamaatti Bara Barnoota Dhufuuf Walta'iinsa Mootummaa fi Uummataan Manneen Barnoota Bu’uurri Boruu 19 Ijaaraman

Hagayya 11/2018 (ENA): Magaalaa Adaamaatti walta'iinsa bulchiinsa magaalaa fi uummataan manneen barnoota Bu’uura Boruu 19 ijaaramuun bara barnoota dhufuuf tajaajila baruuf barsiisuuf banaa ta'aniiru.

Hoogganaan Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalattii obbo Darajjee Tasfaayee ENA’f akka ibsanitti, bu'uurri barnootaa barnoota idileen duraa waan ta'eef xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa jira.
Bulchiinsa magaalichaatti manneen barnoota Bu’uura Boruu babal'isuudhaan dhaqqabamummaa barnootaa dabaluuf bara baajataa xumurame keessa hirmaannaa mootummaa fi uummataan ijaarsi manneen barnoota idileen duraa haaraa 19 xumuramuusaa ibsaniiru.


Manneen barnootaa kunniin baasii birrii miiliyoona 40 ol ta'een kan ijaaraman ta'uu ibsuun; adeemsa ijaarsaa keessatti hirmaannaan uummanni ofuuma isaatiin gumaache baay'ee dinqisiisaa ta'uu eeraniiru.

Manneen barnootaa kunniin bara barnoota 2019 keessa daa'imman umuriin isaanii barnootaaf ga'e kuma 3 fi 800 ta'an dhiyootti barnoota akka argatan kan dandeessisudha jedhaniiru.
Kunis daa'imman umuriin isaanii barnootaaf ga'e baratanii gara kutaa 1ffaatti akka galan gochuudhaan, qulqullina barnootaa jalqaba irratti mirkaneessuuf gumaacha guddaa akka qabu ibsaniiru.

Barnoota idileen duraa of danda'ee akka gurmeeffamuu taasisun barattoonni ulaagaa irraa eegamu guutatanii kutaa gara kutaatti akka darban kan dandeessisudha jedhaniiru.
Kanaan dura daa'imman barattoota idilee waliin waliiti makamanii barachuun isaanii dhiibbaa hedduu irratti uumaa akka ture kan yaadachiisan hoogganaan kun; barnoota dhalootaaf dabarsuuf tattaaffii godhameen barnoota umurii isaaniitiin walsimatu naannoo barnootaa adda ta'e keessatti akka argatan haalli mijaataan uumameera.

Hojii baruuf barsiisuutiif naannoo barnootaa mijaataa uumuuf tattaaffii godhamu keessatti jiraattonni, abbootii qabeenyaa, qaamoleen mootummaa fi miti-mootummaa hirmaannaa isaanii akka cimsan gaafataniiru.

Bara baajataa haaraa keessattis hirmaannaa maallaqaa fi meeshaa uummatni gumaachuun ijaarsa manneen barnoota idileen duraa dabalataa babal'isuuf karoorfamuu dubbataniiru.


Manguddoo Biyyaa Magaalaa Adaamaa kan ta’an obbo Fayyisaa Magarsaa yaada kennaniin, sektera barnootaa fooyyessuuf hojiin hojjetamu dhaloota beekumsa, dandeettii fi ilaalchaan gahumsa qabu horachuuf shoora murteessaa akka qabu ibsaniiru.
Kana hubachuudhaan isaan dabalatee jiraattonni magaalattii sektera barnootaa sadarkaa ol'aanaadhaan deeggaraa akka jiran dubbataniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015