Tamsaasa Kallatti:

Kenninsi Tajaajila Lammummaa rakkoo Hawaas-Dinagdee furaa jira– Dr.Tashoomaa Addunyaa

Hagayya 11/2018 (ENA): Kenni Tajaajila Lammummaa madda dinagdee ta'uun rakkoo Hawaas-Dinagdee furuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jiraachuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa ibsan.


 

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti sossochii kenna tajaajila lammummaa gannaa bara 2018 deeggarsi meeshaalee adda addaa taasifameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Kenni tajaajila lammummaa aadaafi duudha ganamaa ummata Oromoo Sirna Gadaa irraa waraabuun sirneessuun hojii irra olcheen hojiilee misooma rakkoo ummataaf furmaata waaraa argamsiisan milkeessuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jira.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggarittis kenna tajaajila lammummaan hojiilee Misoomaa, Hawaasummaafi nageenyaan hojjetameen baajata mootummaa caalaa bu'aa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan argamsiiseera.


 

Gosoota hojii garaagaraan sagantaa kenna tajaajila lammummaan Magaalicha keessatti hojjetamaan rakkoon hawaas-dinagdee furamuun hawaasni aadaa wal-gargaarsaa ganamaa isaa humna waloon misooma waloo isaa dhugoomsachaa jiraachuu ibsaniiru.

Kutaalee Magaalichaa garaagaraa keessatti sossochiin Kenna tajaajila lammummaa qindoominaan hojiirra oolaa jira jedhaniiru.

Kanaanis Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti Sossochii kenna Tajaajila Lammummaa Gannaa bara 2018n Meeshaaleen garaagaraa waliitti qabaman harka qalleeyyiif, Manneen Barnootaafi Buufata Fayyaaf bakka hoggantootni Magaalaa ,Kutaa Magaalaa, hawaasniifi Abbootii Gadaa akkasumas Haadholiin Siinqee argamaniitti deeggarsi taasifameera.

Sadarkaa Itti Aanaa Pirazidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa injifannoo gama misoomaa, dinagdeefi hawaasummaan magaalicha keessatti galmaa'ee keessatti hirmaannaan ummataa qooda olaanaa akka qabu kaasaniiru.

Saganticharratti ammayyummaan Magaalaa tokko safartuun isaa rakkoo hawaas-dinagdee ummataa fureen akka madaalamuus dubbataniiru.

Kenni Tajaajila Lammummaa madda dinagdee ta'uun rakkoo rakkoo hawaas-dinagdee furuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa akka jiru Dr. Tashoomaan kaasanii , hojiileen misoomaa garaagaraa qarshii biliyoona 28 oliitti tilmaamamuun sagantaa kenna tajaajila lammummaan magaalichatti hojjetamuus himaniiru.

Bulchaan Kutaa Magaalaa Buraayyuu Obbo Abaatee Asraat kenni tajaajila lammummaa Aadaa wal-gargaarsaa Sirna Gadaa keessaa warabaamee hojii irra oleen fayyadamummaan ummataa mirkanaa'aa akka jiru himaniiru.

Kutaa Magaalichatti hojii kenna tajaajila lammummaa qarshii biliyoona 2tti tilmaamamu akka raawwatame dubbataniiru.


 

Sagantaa kenna tajaajila lammummaan bara darbeen manneen barnootaa Bu'uura Borii 10 ijaaramuufi sossochii kenna tajaajila lammummaa bara 2018 manneen barumsa Bu'uura Borii 5, Mana Qorichaa Hawaasaa tokkoofi Ijaarsa manna harka qalleeyyii 45 ijaarsi eegaluu obbo Abaateen dabaluun himaniiru.

Sagantaa kanarratti deeggarsi adda addaa taassifamuusaas odeeffannoon koomunikeeshinii magaalicharraa argame mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015