Naannoo Gaambeellaatti nageenya mirkaneessuun misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummataa guddisuuf hojiileen hojjetamaa jiran cimee itti fufa - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Gaambeellaatti nageenya mirkaneessuun misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummataa guddisuuf hojiileen hojjetamaa jiran cimee itti fufa
Hagayya 11/ 2018 (ENA): Nageenya Naannoo Gaambeellaa mirkaneessuun misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummataa guddisuuf sochiin hojjetamaa jiru cimee itti fufa jedhan Af-yaa’iin Mana Maree Naannichaa Aadde Masarat Maatiyoos.
Manni Maree Naannoo Gambeellaa Yaa’ii Idilee 10ffaa Bara hojii 6ffaa waggaa 5ffaa gaggeessuu eegaleera.
Manni Marichaa yaa’ii guyyoota lamaaf gaggeessuun, karoora raawwii bara 2018 bulchiinsa gaarii fi misoomaa gamaaggamuun akkasumas gabaasa raawwii mana murtii waliigalaa fi odiitara olaanaa naannichaa dhaggeeffachuun kan raggaasisu ta’uun eerameera.
Dabalataanis karoora bara baajataa 2019 fi dhimmoota biroorratti mari’achuun murtoowwan kan dabarsu ta’uun ibsameera.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #