Tajaajilli Lammummaa Utubaa Misooma Walooti - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Lammummaa Utubaa Misooma Walooti
Hagayya 10/2018 (ENA): Tajaajilli Lammummaa Utubaa Misooma Walooti jechuun Bulchituun Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee Aadde Boontuu Waggaarii ibsan.
Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti hojiin Tajaajila Lmmummaa qindoomina hawaasaa fi qooda fudhattootaan hojjetamaa jiraachuun eerameera.
Tajaajilli lammummaa humnoota Waloo Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirnoomsuun hojiirra oolche keessaa isa tokko ta’uu Aaddee Boontuu waggaarii ibsaniiru.
Hojii Misooma waloo mirkaneessuun guddina biyyaa mirkaneessaa ta’uu ibsuun milkaa’ina hojii tajaajila lammumaaf hunduu gumaacha isarraa eegamu bahuu akka qabu dubbataniiru.
Hojii Kenna tajaajila Lammummaatiin hojjetamaa jiruun Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu adda addaa ijaaramuun dhaloota gahumsaa fi dandeettii isaanii gabbifachuun abdii egeree biyya kanaa ta'an horachuuf hojjetamaa jira.
Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeettis hojii tajaajila Lammummaan bakka Koree qindeessituu Kutaa Magaalichaa, Hoggansa Kutaa Magaalichaafi Aanaalee, akkasuumas Hawaasni garaagaraa argamanitti hojii Kenna tajaajila Lammummaatiin ijaarsi Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu jalqabameera.
Saganticha irratti Bulchituun Kutaa Magaalichaa Aadde Boontuu Waaggaarii Mootummaa Badhaadhinaa daa’iman Abdii egeree biyya keenyaa akka ta'aniif hojii barnootaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jira jedhan.
Kanaafis Manneen Barnootaa Sadarkaa hundatti babal'isaa jiraachuu himaniiru.
Baroottan darban keessa Hojii Kenna tajaajila Lammummaatiinis Manneen Barnootaa garaagaraa ijaaramaa turuusaa himaniiru