Misooma Avokaadoo ammayyeessuun fayyadamummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera – Roozaa Umar - ENA Afaan Oromoo
Misooma Avokaadoo ammayyeessuun fayyadamummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera – Roozaa Umar
Hagayya 10/2018 (ENA): Misooma avokaadoo mmayyeessuudhaan fayyadamummaa uummataa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu Itti Aantuun Pirezidaantii Naannoo Hararii Aadde Roozaa Umar ibsan.
Naannoon Hararii Naannoolee 10 Inisheetiiviin Misooma Avokaadoo biyyaalessaa keessatti hojiirra oolu keessaa tokko yoo ta'u, guyyaa har’aa kilaasteroota Baadiyyaa fi Magaalaatti sagantaan dhaabbii Biqiltuu Avokaadoo raawwatameera.
Itti Aantuun Pirezidaantii Naannichaafi Hoggantuun Biiroo Qonnaa fi Misoomaa Aadde Roozaa Umar akka jedhanitti; Mootummaan Naannichaa Inisheetiiviiwwan hedduu bocuudhaan hojiirra oolchaa jira.
Yeroo ammaa avokaadoo dabalatee hojiilee misooma Muduraa fi Kuduraa biroo irratti omishaa fi omishtummaa guddisuuf carraaqqiin bal'aan taasifamaa akka jiru ibsaniiru.
Kaayyoo guddaan Inisheetiivii Misooma Avokaadoo Omisha Teekinoolojiidhaan ammayyeessuun, Qonnaan bulaa fayyadamaa taasisuu, Omishicha gabaa alatti dhiyeessuu,Sadarkaa maatiitti wabii nyaataa mirkaneessuu, fi Carraa hojii uumuu dha jedhaniiru.
Gama biraatiin, qilleensi Naannichaa Misooma Avokaadotiif mijataa ta'uu kan dubbatan immoo Biiroo Misooma Qonnaa naannichaatti Qindeessaan Misooma Avokaadoo biyyaalessaa Obbo Mahaammad Reediwaani.
Sanyiiwwan Avokaadoo fooyya'an kuma 106 qophaa'uu fi biqiltuuwwan kana lafa hektaara 100 baadiyyaa fi magaalaa irratti misoomsuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Sagantaa biqiltuu dhaabbii kana irratti kan hirmaatan keessaa Dargaggoo Maaruufaa Muussaa fi Qonnaan Bulaa Abdi Bayyaan bu'aa sagantaa asharaa magariisaatiin dhaabbii biqiltuu muduraa irraa argame bu'uura godhachuudhaan Avokaadoo caalaatti misoomsuuf kakka'umsa arganneerra jedhaniiru.
Misoomni Avokaadoo fayyadamummaa mirkaneessuu bira darbee carraa hojii kan uumu ta'uusatiin bal'inaan hirmaachaa akka jiranis eeraniiru.