Mariin Biyyaalessaa Aadaa karaa Qaroomina qabuun furmaata barbaaduu Haaraa Uumera — Paartii Dimokirataawaa Tigiraay (TDP) - ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyaalessaa Aadaa karaa Qaroomina qabuun furmaata barbaaduu Haaraa Uumera — Paartii Dimokirataawaa Tigiraay (TDP)
Hagayya 10/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa karaa qaroomina qabuun aadaa siyaasaa furmaata barbaaduu haaraa fi boqonnaa wal-deeggaruu kan bane taatee seenaa qabeessa ta'uu isaa Paartiin Dimokrataawaa Tigiraay (TDP) beeksise.
Paartichi dhimma waqtaawaa irratti ibsa kenneen, adeemsi kun madaa seenaa ammaan duraa fayyisuun nagaa fi misooma waaraatiif karaa kan banudha jedheera.
Sagaleenii fi fedhii dhugaan uummata Tigraay waltajjii biyyaalessaa irratti akka dhaga'amuuf, ajandaa walitti qabuurraa eegalee Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa waliin dhiheenyaan hojjetaa turuusaa ibseera.
Yeroo ammas hirmaattonni kutaa hawaasaa garagaraa irraa filataman bakka bu'oonni uummata Tigiraay 300 ol adeemsa kana irratti dammaqinaan hirmaachaa akka jiran beeksiseera.
Paartichi dabaluudhaan, gareen seeraan ala ABUT ammas waraanaa faarsuun jireenya fi abdii fuula duraa dargaggootaa irratti gufuu uumaa jiraachuu ibseera.
Paartichi dargaggoonni Tigiraay waraanaa fi diigumsa irraa bilisa ta'uudhaan karaa sirrii hordofuu akka qaban dhaameera.
TDP'n Dargaggoota Tigiraay balaa walitti bu'insaa fi waraanaa irraa of baraaruuf gara Finfinnee fi naannoolee birootti baqachuun rakkoo hawaasummaafi dinagdee olaanaa keessa jiraniif qaamoleen mootummaa, abbootii qabeenyaa fi dhaabbileen arjooman deeggarsa barbaachisu akka taasisan waamicha dhiyeesseera.