Hirmaannaan dargaggootaa gama hawaasummaa fi dinagdeen taasisan murteessaa ta’uun ibsame - ENA Afaan Oromoo
Hirmaannaan dargaggootaa gama hawaasummaa fi dinagdeen taasisan murteessaa ta’uun ibsame
Hagayya 10/2018 (ENA): Hirmaannaan dargaggootaa gama hawaasummaa, dinagdee fi siyaasan taasisan murteessaa ta’uun ibsameera.
Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaatti Deetaan Damee Dargaggootaa Aadde Munaa Ahimad, dargaggoonni gama siyaasa, dinagdeefi sochii hawaasummaa biyyaa keessatti gaheen isaanii olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa carraa hojii uumuufi fayyadamummaa dargaggootaa gama hundaan mirkaneessuuf qooda fudhattoota waliin hojjachaa jiraachuu isaa ibsanii, ammas cimee kan itti fufu ta'uu dubbataniiru.
Hoggantuun Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa aadde Roozaa Biyyaa, guyyaan dargaggoota addunyaa kun guyyaa seenaa qabeessa dargaggoonni addunyaa bakka adda addaa jiraatan miiraa fi yaada isaanii walitti fiduun kalaqaafi dandeettii isaanii guddifachuun heddumina biyya isaanii mirkaneessan ta’u ibsaniiru.
Dargaggoonni carraa naannoo isaanii jiru adda baasuun akka itti fayyadamuu qabanii fi hariiroo naannoo keessa jiraatanirra darbanii akka biyyaafi addunyaatti muuxannoofi beekumsa walirraa barataa carraawwan jiran hunda gara hojiitti jijjiiraa waliin hiriiruu akka danda'aniif guyyaan kun kabajamu dubbataniiru.
Dargaggoonni si'oominaaf yaada haaraan saayinsii, teeknoloojiifi aadaadhaan deeggaramanii guddina dinagdee biyyaa keessatti yaadota maddisiisuun gahee bakka bu'ummaa isaanii adda durummaan bahachuu akka qaban dhaamaniru.
Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, keessummoota guyyaa dargaggoota addunyaa sababeeffachuun bakka gara garaatii Magaalaa Jimmaatti argamaniin anaa dhufu jechuun simataniiru.
Sagantaa kanaan keessummoonnis agarsiisa kalaqaa fi carraa hojii dargaggootaa daawwataniiru.