Tamsaasa Kallatti:

Omishaa fi Omishtummaa guddisuuf kunuunsi midhaaniif tasifamu murteessaadha - Qonnaan bultoota

Hagayya 10/2018 (ENA): Omishaa fi Omishtummaa guddisuuf kunuunsi midhaaniif tasifamu murteessaa ta’uu Qonnaan bultootni Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Wacaalee ibsan.

Qonnaan bultoonni Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaalee Ganda Iluu Itayyaa Oomishaa fi Oomishtummaa isaanii dachaan dabaluuf Qamadii Kilaastaraan facaasan kunuunsaa kan jiran ta'uusaanii himaniiru.


Midhaan facaasan sirnaan kunuunsuun omishaa gaarii aragchuuf gorsa ogeessa qonnaarratti hundaa’uun hojjechaa jiraachuu qonnaan bulaa aanichaa ganda Iluu Itayyaa Obbo Xibabuu Wubishit ibsaniiru.

Dabalataanis Qonnaan bulaa Aanichaa biroon Mangistuu Haayiluugamasaaniin teekinoo lojii qonnaa fayyadamuun midhaan facaasan siraan kunuunsaa jiraachuu himaniiru.

Midhaan faca’e farra aramaa fi ilbiisaa mala saayinsawan itti fayyadamuun omishasaanii dabaluuf hojjechaa jirra jedhaniiru.

Oomishaa bara kanaa dachaan dabaluuf gandoota Aanichaa hunda keessatti meeggaa Kilaastarii tokko, tokko hundeessun hojjechaa kan jiran ta'uu Itti Aanaa Bulchaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Waacaalee Obbo Darajjee Nugusuu ibsaniiru.


Hojii qonna gannaa bara 2018/19 lafa hektaara kuma 36 ol irratti sanyiiwwan midhaan gosa garaagaraan facaasuuf karoorfamee hojjatamaan keessaa lafti hektaara kuma 29 Qamadiin kilaastaraan kan facaafame ta’uun ibsameera.

Oomishni kunis akka aramaadhan hin miidhamneef qonnaan bultootaa kilaastaraan ijaarramanii jiraniif kemikaalli farra aramaa paalaasiin gama waldaalee hojii gamtaan bitamanii dhihaachuusaa obbo Darajjeen dubbataniiru.

Qonnaan Bultoonni gatii madaalawaan bitachuudhaan oomisha isaanii Kunuunsa kan jiran ta'uus himaniiru.

Itti Waajjira Qonnaa Ganda Iluu Itayyaa Obbo Mangituu Hayiluu akka ibsanitti, oomishaa fi oomishtummaa dachaan dabaluuf qonnaan bultootaa gandichaa waliin qindoominaan hojii hojjatamaa jiruun milkaa'inootni hedduun argamaa kan jiru ta'uu himaniiru.


Ogeessa Ekisteeshinii Qonnaa Ganda Iluu Itayyaatti Obbo Darajjee Bayyanaa akka jedhanitti hojii gama qonnaatin hojjatamaa jiruun milkaa'inni barbaaddamu akka argamuuf qonnaan bultootaf hubannoo Uumuu irraa eegalee hanga ammaatti deeggarsa ogummaa isaan irraa eeggamu bahachaa kan jiran ta’uu ibsaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015