Manneen Murtii Oromiyaa teekinooloojii Dijiitaalaa Hojiirra oolchuun kenna tajaajilaa haqaa saffisiisaa jira – Teediroos Mihirat - ENA Afaan Oromoo
Manneen Murtii Oromiyaa teekinooloojii Dijiitaalaa Hojiirra oolchuun kenna tajaajilaa haqaa saffisiisaa jira – Teediroos Mihirat
Hagayya Hagayya 10/2018 (ENA): Manneen Murtii Oromiyaa teekinoloojii Dijiitaalaa hojiirra oolchuun kenna tajaajilaa saffisiisaa jiraachuu Pirezadaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaaalaa Obbo Teediroos Mihirat ibsan.
Yaa’iin Abbootii Seeraa bilisummaa abbaa seerummaafi haqaa Heera mootummaan kennameef akka dhugoomu kan gargaaru ta’uu, Pirezadaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaaalaa Obbo Tewodiroos Mihirat dubbataniiru.
Manneen Murtii Oromiyaa teeknoloojiitti gargaaramuun tajajaila dijiitaalaa hojiirra oolchuun manneen murtii naannolee biyyattiif fakkeenya kan ta’uufi kan galateeffamu ta’uusaa dubbataniiru.
Qulqullina, saffisaafi bu’a qabeessummaa haqaa mirkaneessuun ammoo hojii tumsa hundaa barbaadudha jechuun, Yaa'ii Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa 8ffaa Magaalaa Bishooftuutti taa'amaa jirurratti argamuun dubbataniiru.