Tamsaasa Kallatti:

Taphni Arsenaal fi Maanchisteer Siitiin Waancaa Koomuniitii Shiildii fudhachuuf taasisan hawwiin eegama

Hagayya 10, 2018 (ENA): Taphi xumura Waancaa Koomuniitii Shiildii kan bara 2026 gidduu Arsenaal fi Maanchisteer Siitiitti har'a ni gaggeeffama.

Taphi kun sa'aatii 11:00 irratti magaalaa guddoo Weels, Kaardif keessatti Istaadiyeemii seenaaqabeessa Pirinsiipaalitiitti kan gaggeeffamu ta'a.

Taphi baninsa bara dorgommii haaraa kan xiyyeeffannoo guddaa qabu kun, shaampiyoonaa Piriimiyer Liigii Ingiilaand bara 2025/26 kan ta'e Arsenaal fi mo'ataa Waancaa FA (FA Cup) bara 2026 kan ta'e Maanchisteer Siitii kan walqunnamsiisudha.

Arsenaal waggoota 22 booda kabaja Piriimiyer Liigii kan gonfataniif, Maanchisteer Siitiin immoo tapha xumura Waancaa FA irratti Cheelsii 1-0n mo'achuun gara tapha har'aatti dhihaataniiru.

Akka odeeffannoon mul’isutti, seenaa Koomuniitii Shiildii keessatti Arsenaal Maanchisteer Siitii irratti olaantummaa guutuu qaba.

Gara waltajjii kanaatti gareen lamaan kanaan dura si'a sadii kan walqunnaman yoo ta'u, taphoota sadanittuu Arsenaal mo'ateera.

Gareen kunniin dhuma irratti akka L.A bara 2023tti tapha Koomuniitii Shiildii taasisaniin Arsenaal darbiin penaltiitiin mo'achuun isaanii ni yaadatama.

Taphni kun kanaan dura Istaadiyeemii Weembilii Landan keessatti kan gaggeeffamaa ture yoo ta'u, barana immoo gara Istaadiyoomii seenaa qabeessa Pirinsiipaalitii magaalaa guddoo Weels Kaardifitti akka jijjiiramu taasifameera.

Sababni isaas Istaadiyeemii Weembilii keessatti konsertiin muuziqaa kanaan dura qabame waan jiruuf akka ta'e beekameera.

Kunis dorgommiin kun waggoota 20 booda irra deebidhaan gara magaalaa guddoo Weelsitti akka deebi'u taasiseera.

Dorgommiin Koomuniitii Shiildii jalqaba dhihaatee akka L.A. bara 1908tti moggaasa "FA Charity Shield" jedhuun kan jalqabame yoo ta'u, dhiyoo kana akka L.A. bara 2002tti moggaasa ammaa "FA Community Shield" jedhutti jijjiirame.

Dorgommiin kun shaampiyoonaa liigichaa fi mo'ataa Waancaa FA walqunnamsiisuun bansa bara dorgommii haaraa kan labsudha.

Galii gurgurta tiikeetii fi beeksisa irraa walitti qabamu guutuun Ingiilaand keessatti dhaabbata arjoomaa fi hojiiwwan misooma kubbaa miilaa hawaasaatiif kan oolu ta'a.

Maanchisteer Yunaayitid si'a 21 mo'achuun kilaba dorgommii kanaatti milkaa'ina guddaa kan qabudha.

Arsenaal waancaa 17 fudhachuun isaatti ana. Maanchisteer Siitiin immoo si'a torba mo'ateera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015