Tamsaasa Kallatti:

Haaromeen ammayyuummaa gara baadiyaa geessuudha –Pirezidanti Shimallis Abdiisaa

Hagayya 10/2018(ENA): Haaromeen baadiyyaa magaalaa fakkeessuu osoo hin taane ammayyummaa gara baadiyyaatti geessuu ta'uusaa, Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Qabeenyi umamaa, humnoonni dinagdee baadiyyaa naannoo keenya keessa jiran gara qabeenya qabatamaatti jijjiiramuu akka hin dandeenye pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimmallis Abdiisaa ibsaniiru.


Qaawwi misoomaa magaalaafi baadiyyaa gidduu jiru bal’achaa dhufuusaa ibsuun, Ce’uumsa Oromiyaa dhugoomuuf, ce’uumsi baadiyyaa murteessaa ta’uu eeraniiru.

Hoggansi jijjiiramaa hudhaalee dinagdee keenyaa kanaa furuuf yaadama kana akka hordofu ifatti keenyerra jedhaniiru.

Baadiyyaan bakka irraa baqatamu osoo hintaane bu’uura misoomni irraa ijaaramu ta’uu kan qabudha jechuun, Kanas sagantaa maqaa HAAROMEE jedhuun mogga’een hojiirra oolchaa jirra jedhaniiru.

Haaromeen wiirtuulee ce’umsa baadiyyaa gandoota naannoo keenyaa mara keessatti pilaaniidhaan hundeessaa jirruu fi Haaromeen pirojektii ijaarsaa qofa osoo hintaane, jijjiirama yaadama misoomaafi ce’umsa baadiyyaa irratti hundaa’e ta’uu himaniiru.


Tarsiimoo ammayyoomsa baadiyyaa Oromiyaan qabatee socho’aa jiru kanaan, gidduugalawwan guddina baadiyya Haaromee ijaaramaa jiraachuu eeraniiru.

Lafti baadiyyaa magaalota tarsiima’oo jala jiruuf ‘mandara qonnaan bulaa ammayyaa’ (agropolitan village) yoota’u, baadiyyaa fagootiif ammoo 'Haaromeetu ijaarama jira.

Haaromeen mandara xixiqqaa amala ammayyummaa qaban, gandoota baadiyyaa hundatti keessatti ijaarudha.

Kanaanis baadiyyaan naannawa humni dargaggeessa carraa hojii dhabuun keessaa baqatu osoo hin taane, haala dandeessisoo achumatti hojii uummachuun danda’amu kan taasisu ta’uusaa ibsaniiru.

Galma qabameen haaromeefi mandaroonni qonnaan bulaa tajaajila ammayyaan kan walsimanita’uu addeessaniinu.

 


Adeemsa kanaan, magaalonni gurguddaan giddugala al-ergii yoo ta’an, mandaroonni qonnaan bulaa ammayyaafi haaromeen gama isaanitiin gara giddugala omishaafi kurfeessaa(Processing)tti ce'uu danda’us jedhaniiru.

Gaheen Haaromee inni biroo dinagdee baadiyyaa damdaneessa taasisuu fi Inisheetiviin indastirii godoo magaalaatti jalqabame, akkuma mandaroota qonnaa ammayyaa, gara haaromeettis kan babal'ifamu ta’uusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015