Tamsaasa Kallatti:

Pirojektoonni humna aduu maddisiisan Godina Harargee Bahaa aanaa Qunbii keessatti ijaaraman eebbifamuun tajaajila kennuu eegalaniiru

Hagayya 9/2018 (ENA): Pirojektoonni humna aduu maddisiisan Godina Hararge Bahaa Aanaa Qumbii keessatti Birrii miiliyoona 640’n ijaaraman eebbifamuun tajaajila kennuu eegalaniiru.

Pirojektoota Godina Harargee Bahaa aanaa Haroo Gurraattii fi Gandoota Hariirootti ijaaraman eebbisiisuun hojii kan eegalchiisan deetaa Ministira Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Sulxaan Walii fi hoggantoota Godina Harargee Bahaati.


 

Pirojektoonni bishaanii fi anniisaa gandoota kanneen keessatti ijaaraman xumuramuun hawaasa naannoo sanaaf fayyadamummaa itti fufiinsa qabuuf tarkaanfii guddaa ta’uu ibsameera.

Pirojektoonni kunniin Birrii miiliyoona 640’n kan ijaaraman yoo ta’u, humna kiiloo waattii 850 maddisiisuu kan danda’anidha jedhameera.

Kunis tajaajila ifaa sa’aatii 24 kennuu kan danda’an ta’uu sirna eebbaa kanarratti ifoomeera.

Pirojektoonni kunneen maatii kuma 3 fi 646 akkasumas dhaabbilee tajaajila fayyaa, barnootaa fi kanneen biroo fayyaduu akka ibsameera.

Jiraattonni godinichaa gaaffiin misoomaa yeroo dheeraaf qaban ijaarsa proojaktichaan guutamuu isaatiif gammachuu qaban ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015