Gamoon Kutaa Barnootaa ENA’n Ijaaramu Daa'imman guddachaa jiraniif Hiika Guddaa Qaba - Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Baahir Daar Obbo Asmee Birillee - ENA Afaan Oromoo
Gamoon Kutaa Barnootaa ENA’n Ijaaramu Daa'imman guddachaa jiraniif Hiika Guddaa Qaba - Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Baahir Daar Obbo Asmee Birillee
Hagayya 9/2018 (ENA): Gamoon kutaa Barnoota ENAtiin ijaaramu daa'imman barattootaaf hiika guddaa qaba jechuun Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Baahir Daar obbo Asmee Birillee ibsan.
ENA'n Magaalaa Baahir Daar Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa fi Giddugaleessa Misiraaqa Tsahaayi keessatti ijaarsa gamoo kutaa barnoota oolmaa daa'immanii har'a eegalchiiseera.
Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Baahir Daar obbo Asmee Birillee yeroo kana akka himanitti, kutaaleen barnoota ENA'n ijaaraman daa'imman barattootaaf hiika guddaa qaba jedhani.
Dhaqqabamummaa barnootaa mirkaneessuu fi carraaqqii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf taasifamuufis gumaacha guddaa akka qabu eeraniiru.
Mana barumsaa Misiraaqa Tsahaayitti qindeessituun barnoota idileen duraa Barsiistuu Ayyaal Imbiiyaalee yeroo ammaa kutaa Barnoota tokko keessatti hanga barattoota 150tti akka baratan yaadachiisaniiru.
Ijaarsi gamoo kutaa barnoota haaraa kunis reeshiyoo lakkoofsa barattoota kutaa tokko keessatti hedduumminaan baratanii sirreessuun qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa akka qabu ibsaniiru.
Itti Aanaa Olaanaan Hojii Raawwachiisaa ENA Obbo Miniyichil Alamayyoo gama isaaniitiin ENA’n faayidaa biyyaaleessaa, hojiiwwan ijaarsa bifa biyyaa fi seeneessa waloo uumuu keessatti itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa bahaa akka jiru ibsaniiru.
Dhaabbatichi ergama biyyaaleessaa isaatiin dabalatatti, hirmaannaa hawaasummaa fi hojiiwwan tola oltuummaa irratti bal'inaan hirmaachuun itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahaa jira jedhaniiru.
Haaluma kanaan Daa'imman magaalaa Baahir Daariif ijaarsa kutaalee barnootaa idileen duraa eegalchiisuu isaanii eeranii, ijaarsichi qulqullinaanii fi yeroo qabameef keessatti akka xumuramuuf deeggarsaa fi hordoffiin barbaachisaan akka taasifamu dubbataniiru.
Ijaarsi dhaabbilee barnootaa bu'uura ijaarsa dhalootaa isa ijoo ta'uu kan ibsan itti aanaan olaanaan hoji raawwachiisaa kun, ENA'n hojii idilee isaatiin ala hojiiwwan gaarii akkasii caalaatti cimsee kan itti fufu ta'uu dubbataniiru.
Sagantaa kana cinaatti sagantaan biqiltuu dhaabuu kan raawwatame yoo ta'u paanaaliin marii guyyaa dargagoota addunyaa sababeeffachuun dargagoota waliin taasifameera.