Tamsaasa Kallatti:

Mariin Biyyaalessaa waltajjii guddaa boqonnaa haaraa banuun waliigaltee biyyaalessaa kan cimsudha – Mari’attoota

Hagayya 9/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa adeemsifamaa jiru kun waltajjii guddaa seenaa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa banuun waliigaltee biyyaalessaa kan cimse ta’uu mari’attoonni himan.

Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa inni guddaan Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Giddugala Walgahii Idil-addunyaa Addis konveenshinii keessatti gaggeeffamaa jira.

Mari’attoonni 4000 lammiilee Itiyoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan bakka bu’uun marii gadi fageenyaa fi hirmaachisaa ta’e ajandaawwan gurguddoo saddeet irratti gaggeessaa jiru.

Hirmaattota ENA’n dubbise keessaa, obbo Tasfaayee Dajaneen, Adeemsi Marii Biyyaalessaa biyyattii keessatti boqonnaa haaraa banuun haala gaariin adeemsifamaa jira jedhani.

Itti dabaluunis mariin kun rakkoolee yeroo dheeraaf furmaata dhabuun madda walitti bu’insaa ta’an furuun nageenya waaraa buusa jedhani.

Marii kanarraa barumsi hedduun akka argameefi rakkoolee jiraniif furmaata hedduun akka dhiyaate himaniiru.

Adeemsi marii biyyaalessaa kun imala Itiyoophiyaa fooyya’aa ijaaruuf taasifamu gara milkaa’ina guddaatti kan ceesiisu ta’uu ibsaniiru.


 

Mari’ataan biraa obbo Ibsaa Ibraahim gama isaatiin adeemsi marii kanaa seenaa Itiyoophiyaa keessatti isa jalqabaa fi gaarii ta’uu ibsuun, waliigaltee biyyaalessaa cimsa jedhaniiru.


 

Mari’ataan biraa obbo Boggaalee Sayidaa adeemsi kun qonnaan bultoota, horsiisee bultoota, qaama miidhamtoota, dubartootaa fi dargaggoota dabalatee kutaalee hawaasaa adda addaa bal’inaan kan hirmaachise waan ta’eef hirmaachisaa fi hunda kan hammate ta’uu ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015