Jilli diyaaspooraa dhaloota lammaffaa Kaanaadaarraa Finfinnee seenan - ENA Afaan Oromoo
Jilli diyaaspooraa dhaloota lammaffaa Kaanaadaarraa Finfinnee seenan
Hagayya 9/2018(ENA) : Jilli diyaaspooraa Itiyoophiyaa dhaloota lammaffaa Kaanaadaa irraa maatii isaanii kan hammate daawwannaaf Finfinnee seenaniiru.
Jilli miseensoota 120 of keessa qabu kun wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Tajaajila Diyaasapooraa Itiyoophiyaan simatamaniiru.
Jalqabbiin akkasii diyaasporaa seenaa, aadaa fi eenyummaa Itiyoophiyaa waliin walitti fiduuf faayidaa guddaa qaba jedhameera.
Gareen kun turtii baatii tokkoo Itiyoophiyaa keessatti taasisuun, waljijjiirraa aadaa fi beekumsa biyyaalessaa irratti muuxannoo kan qooddatan ta’uun himameera.