Abbummaan Itiyoophiyaan Hulaa Galaana irratti qabdu ija seenaatiin yeroo ilaalamu ifa dha malee wal-xaxaa miti - ENA Afaan Oromoo
Abbummaan Itiyoophiyaan Hulaa Galaana irratti qabdu ija seenaatiin yeroo ilaalamu ifa dha malee wal-xaxaa miti
Hagayya 9/2018 (ENA): Itiyoophiyaan Galaana Diimaa irratti abbummaan qabdu ija seenaatiin yoo ilaalamu ifaa dha malee wal-xaxaa akka hin taane hayyoonni ibsaniiru.
Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa fi imaammata alaa ishee misooma anniisaa haaromfamuu danda’u, tumsa naannoo, akkasumas guddinaa fi misoomaa waliiniitiif itti fayyadamuu keessatti gahee adda duree qabdi.
Imaammanni alaa Itiyoophiyaan biyyoota ollaatiif dursa kennuunis biyyoota naannoo bu’uuraalee misoomaatiin walitti hidhuun nagaa fi badhaadhina waliif mirkaneessu dha.
Hayyuun seenaa Piroofeesar Ahmad Zakkaariyaa ENA waliin turtii taasisaniin,Itiyoophiyaan abbummaan Galaana Diimaa qabdu ija seenaatiin yoo ilaalamu ifaafi wal-xaxaa akka hin taane ibsaniiru.
Waliin gahinsa qabeenyaafi itti fayyadama qabeenya uumamaa ilaalchisee Itiyoophiyaan Afrikaanota waliin ta’uun tumsa ardiilee waliin cimsuuf fedhii qabdi jedhan.
Afrikaanonni qabeenya uumamaa isaanii waliin ta’anii fi miira obbolummaatiin fayyadamuu akka qaban kan dubbatan Piroofeesar Ahmad; Itiyoophiyaan naannicha bishaanii fi anniisaa waliin wal qunnamsiisuu ishees ibsaniiru.
Itiyoophiyaan buufata galaanaa mataashee irraa kan mulqamte shira TPLF fi Shaabiyaan ta’uu eerani.
Itiyoophiyaan yeroo ammaa tattaaffii dippilomaasii dantaa ishee eegsisu taasisaa akka jirtu ibsaniiru.
Biyyoonni naannichaa dandeettii isaanii cimsuun walta’iinsaa fi tumsaan misoomaa fi guddina waloo mirkaneessuu akka qaban ibsaniiru.
Ministeera Dhimma Alaatti Daayreektarri Dippilomaasii Dijitaalaa Silaabbaat Maannaayyee gama isaaniin, imaammanni alaa Itiyoophiyaa tumsa naannoo fi ardiilee cimsuu irratti kan hundaa’edha jedhani.
Itiyoophiyaan hundeessituu fi teessoo Gamtaa Afrikaa, qe’ee dhaabbilee idil-addunyaa adda addaa fi biyya dippiloomaasii biyyoota hedduuf xiyyeeffannoo kennitu ta’uu ibsaniiru.
Lagni Abbayyaa dabalatee lageen ishee akka mallattoo walitti hidhamiinsa naannoo, guddina waloo fi tumsaatti akka ilaalu ibsuun; kanaanis anniisaa haaromfamuu fi misooma waloo naannichaa irratti shoora ishee bahachaa jirti jedhani.
"Ajandaa 2063" Gamtaa Afrikaa walitti hidhaminsa dinagdee naannoo irratti kan xiyyeeffate ta'uu hubachiisuun, Itiyoophiyaan mul’ata gamtichaa cimsitee hammattee ga’ee adda duree bahaa akka jirtu ibsaniiru.
Galaanni Diimaan jaarraa hedduuf sababa shira namoota siyaasaa fi dadhabina mataa keenyaatiin waggoota hedduuf itti fayyadamaa turre dhabne deeffachuu qabna jedhaniiru.
Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa irraa mulqame deeffachuuf adeemsi seeraa fi seenaa jalqabameera jedhani.
Dhimmi Hulaa Galaanaa dhimma lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu hubachiisuun,nageenya naannichaafis bu’aa olaanaa qabaachuu himaniiru.
Dhimmi Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa hawaasa addunyaa biratti xiyyeeffannoo argachaa kan jiru ta’uu fi tumsa diinagdee naannolee fi nageenya buusuuf gumaacha olaanaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.