Miidiyaaleefi Hayyootni Gibtsii waa’ee Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaarratti yaadaan wal-faallessaa jiraachuu ibsame - ENA Afaan Oromoo
Miidiyaaleefi Hayyootni Gibtsii waa’ee Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaarratti yaadaan wal-faallessaa jiraachuu ibsame
Hagayya 8/2018(ENA): Gaazexeessaa fi barreessaa Zaahid Ziidaan akka ibsanitti, gabaasni miidiyaalee Gibxii waa’ee Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa dhiyeessan kan wal hin simne yoo ta’u, madaallii saayinsawaa ogeeyyii saayinsii fi bishaanii Gibtsii hedduu waliin kan wal-faallessudha jechuun ibsaniiru.
Gaazexeessaa Zaahid ENA’f yaada kennaniin, marii fi falmiin Hidha Haaromsaa Guddichaarratti taasifamu xiinxala saayinsawaa fi teeknikaa irratti xiyyeeffachuu mannaa, seenaan miidiyaa ifa hin taaneefi wal-faallaa ta’een kan hoogganamu ta’uu ibsaniiru.
Ji’oolojistiin Gibtsii Dooktar Abbaas Sharaaqii, hidhi kun uumamaan Gibtsii irratti miidhaa kamiyyuu akka hin geessisne ifatti kan ibsan ogeeyyii biyyattii keessaa tokko ta’uu gaazexeessaan kun eeraniiru.
Akkasumas, saayinsistiin Gibtsii kan biraa Dooktar Sameeh Armaaniyoos, Hidhi Haaromsaa Guddichi pirojektii humna ibsaa maddisiisuuf bishaan fayyadamu yoo ta’u, bishaaniin hanqina hin uumin; humna elektirikaa erga maddisiisee booda bishaanichi kallattiin gara lagaatti kan deebi’u ta’uu isaa ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, saayinsitistiin Hawaa Dooktar Faariq El-Baaz, hidhi kun bulchiinsi bishaanii fooyya’aa akka jiraatu gochuun, faayidaa Itoophiyaa qofa osoo hin taane faayidaa Sudaanii fi Gibtsiis eeguuf akka gargaaru ibsuu isaanii Gaazexeessaa fi barreessaa Zaahid Ziidaan himaniiru.
Gaazexeessaan kun ogeeyyii Sudaan, kanneen akka Piroofeesar Saayif Al-Diin Haamaad dabalatee Ministira Bishaaniifi Jallisii Sudaan kan duraanii Usmaan Al-Toom eeruun, marii laga Abbayyaa irratti taasifamu keessatti sagaleefi wacaa siyaasaa osoo hin taane, ragaa saayinsawaa fi mirkanaa’aa irratti hundaa’uun xiinxala taasisuun barbaachisaa ta’uu hubachiisuu isaanii eeraniiru.
Miidiyaaleen Gibtsii tokko tokko hidha kana yeroo barbaadan lolaafi barbadaa’uu bu’uuraalee misoomaa waliin walqabsiisu; yeroo biraa ammoo bishaan hir’achuu fi hongee fida jedhanii himatuun kan kaasan Gaazexeessaa Zaahid akka isaan jedhanitti, ilaalchi akkanaa yaada guutummaatti faallaa yaada hayyoota Gibtsii kan deemu tahuu hubachiisaniiru.
Zaahid dabalataan akka ibsanitti, himannaan siyaasaa fi miidiyaaleen hidhi kun biyyoota yaa’a laga Abbayyaa jala jiran irratti balaa fida jedhanii dhiyeessan, fedhii siyaasaa kan of keessaa qabu malee, hundee saayinsawaa walitti fufiinsa qabu akka hin taane dubbataniiru.
Akka isaan ibsanitti, seenaan dogoggoraa akkanaa mirga Itoophiyaan qabeenya uumamaa ishee jechuunis laga Abbayyaa gara biyyoota yaa’a gaditti yaa’u keessaa harka 86% kan ta’e, fayyadamuun misoomsuuf qabdu gufachiisuuf waggoota dheeraaf itti fufee kan turedha.
Zaahid, baay’inni bishaanii waggaa guutuu laga Abbayyaa keessa darbu yeroo bonaafi roobaa irratti battalumatti adda baafamee beekamuu waan hin dandeenyeef, hanga bishaanii dursan tilmaamuun ykn murtii xumuraa kennuun akka hin danda’amne turtii ENA waliin taasisaniin ibsaniiru.
Kanarra, miidiyaaleen Gibtsii “waca siyaasaa” irraa bahuun, qorannoowwan saayinsawaafi ragaa mirkanaa’aa irratti hundaa’uun gabaasa madaalawaa dhiyeessuu akka qaban Gaazexeessaa fi barreessaa Zaahid Ziidaan waamicha dhiyeessaniiru.