Deeggarsa Meeshaalee Barnootaa ENA’n taasiseet Gammanneerra – Maatii fi Barattootaa - ENA Afaan Oromoo
Deeggarsa Meeshaalee Barnootaa ENA’n taasiseet Gammanneerra – Maatii fi Barattootaa
Hagayya 8/2018 (ENA): Deeggarsa Meeshaalee Barnootaa ENA’n isaaniif taasiseef gammaduu isaanii barattoonnii fi maatiin barattootaa Magaalaa Baahir Daar deeggarsi taasiifameefii ibsan.
Saganticharratti ENA’n odeeffannoo qaqqabsiisuu bira darbee hirmaannaa hawaasummaa fi tajaajila lammummaarratti bal’inaan hirmaachaa jiraachuu isaa Itti Aanaan Hogganaa olaanaa ENA Tafarraa Baqqallaa ibsaniiru.
Hoggantoonnii fi hojjettoonni ENA, akkasumas hoggantoonnii fi jiraattonni Bulchiinsa Magaalaa Baahir Daar bakka argamanitti magaalattii sagantaan dhaabbii Ashaaraa Magariisaa raawwatameera.
Saganticharratti kan argaman Itti Aanaa hojii gaggeessa olaanaa ENA Tafarraa Baqqallaa ENA’n lammilleef odeeffannoo madaalawaa fi yeroosaa eeggate qaqqabsiisuu bira darbee, hirmaannaa hawaasummaa fi tajaajila lammummaa taasiifamu irratti hirmaachaa jiraachuusaa ibsaniiru.
Deeggarsi Manneen Barnootaaf waggoota ja’aa fi torban darbanitti itti fufinsaan raawwatamaa turuu eeranii; sagantaa Ashaaraa Magariisaa, deeggarsa meeshaalee barnootaa fi kanneen biroon taasifamu cimsee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Barattoota 357f deeggarsa meeshaalee barnootaa gochuusaas ibsaniiru.
Hoggantuun Waajjira Kantiibaa Magaalaa Baahir Daar Aadde Asiraatee Muuccee; Deeggarsi meeshaalee barnootaa fi dhaabbiin Ashaaraa magariisaa ENA’n taasiise, dhaabbatichi odeeffannoo qaqqabsiisuu bira darbee hirmaannaa hawaasummaa cimaa taasisaa jiraachuusaa qabatamaan kan agarsiisedha jedhaniiru.
Sagantaan dhaabbii Ashaaraa Magariisaa raawwatameen eegumsa naannoof faayidaa kan qabu ta’uu ibsanii; deeggarsi meeshaalee barnootaas dhaloota boruu biyya ijaaruuf murteessaadha jedhaniiru.
Hojiin fakkeenya ta’u ENA’n raawwate kanneen biroonis itti fufuu kan qabu ta’uu eeranii; gochaa gaarii taasiifame hundaaf maqaa bulchiinsa magaalaa Baahir Daariitiin galateeffataniiru.
Sagantaa dhaabbii Ashaaraa Magariisaa fi deeggarsa meeshaalee barnootaa irratti hoggantoonni fi hojjettoonni ENA, akkasumas hoggantoonni fi jiraattonni Bulchiinsa Magaalattii hirmaataniiru.