Itiyoophiyaan dandeettii maddisiisuu anniisaa haaromfamuu danda’u guddisuun wiirtuu anniisaa naannichaa ta’aa jirti. - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan dandeettii maddisiisuu anniisaa haaromfamuu danda’u guddisuun wiirtuu anniisaa naannichaa ta’aa jirti.
Hagayya 8/2018(ENA) : Itiyoophiyaan dandeettii maddisiisuu anniisaa haaromfamuu danda’u guddisuun wiirtuu anniisaa naannichaa ta’aa jirti jedhani Ministirri Bishaanii fi Inarjii Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa.
Misoomni qabeenya anniisaa Itiyoophiyaa dandeettii humna elektriikii kan akka bishaanii, aduu, bubbee fi ji’ooteermaalii guddisuuf haala mijeessaa jira.
Imalli milkaa'aan misooma anniisaa haroomfamaas misooma madda humna elektriikii guddina diinagdeewaliin, guddina diinagdee immoo hariiroo naannawaan walqabsiisaa kan jiru galma ijaarsa diinagdee magariisaati.
Misoomni anniisaa haroomfamaa Itiyoophiyaa diinagdee waaraa jijjiirama qilleensaaf hin jilbeenfanne uumuuf gargaara.
Misoomni madda anniisaa haroomfamaa walitti qindeessuudhaan gaggeeffamus bu'uura dhiheessii anniisaa guddina indaastirii, qonnaa, misooma magaalaa fi diinagdee dijiitaalaa ariifachiisu ijaaraa jira.
Itiyoophiyaan dandeettii humna anniisaa haroomfamaa maddisiisuu ishee guddisuudhaan wiirtuu anniisaa naannawichaa ta'aa jirti.
Qabeenya bishaanii, aduu, bubbee fi ji’ooteermaalii misoomsuudhaan wabii fi waara'ummaa maddeen humna elektriikii cimsuun bu'uura diinagdee uumuun danda'ameera.
Keessattuu, Hidhi Haaromsaa Guddichi tumsa lammiilee fi dandeettii biyya keessaatiin ijaarame seenaa misooma anniisaa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa banee jira.
Imalli milkaa'aa misooma anniisaa haroomfamaa Itiyoophiyaa galma humna maddisiisuu irra darbee, galma misoomaa ardiichaa kan ta'e guddinaa fi badhaadhina waloo naannawaa ariifachiisuu dha.
Dandeettiin dhiyeessii anniisaa Hidha Haaromsaa fedhii Itiyoophiyaa guutuu bira darbee, gara biyyoota ollatti erguudhaan hariiroo diinagdee naannawaa cimsuuf carraa haaraa uumee jira.
Kanaanis Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa tarsiimawaa misoomsuudhaan wabii anniisaa mataa ishee mirkaneessuu bira darbee, hariiroo anniisaa Baha Afrikaa fi tokkummaa diinagdee Afrikaatiif kan gargaaru boqonnaa haaraa ijaaraa jirti.
Itiyoophiyaan Jibuutii, Keeniyaa fi biyyoota ollaa biroo wajjin hariiroo anniisaa bal'isuudhaan hojiiwwan guddinaa fi badhaadhina waloo cimsan hojjechaa jiraachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Doktar Habtaamuu Ittafaa ibsaniiru.
Fuuldurattis Sudaan Kibbaa fi Somaaliyaa dabalatee biyyoota ollaatiif humna elektriikii dhiheessuu fi bu'uura madda hariiroo anniisaa bal'isuuf qophiin taasifamaa jira.
Gurgurtaan anniisaas Itiyoophiyaan wiirtuu anniisaa akka taatuuf gargaaruu bira darbee, madda galii sharafa alaa ta'uudhaan fayyadamummaa diinagdeen walqabatee itti fufee jiraachuu dubbataniiru.