Tamsaasa Kallatti:

Oromiyaatti waktii Arfaasaan lafa misoomerraa hanga ammaatti oomishni kuntaalli miliyoona 21 ol walitti qabameera

Hagayya 8/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti waktii Arfaasaan midhaan facaafamerraa hanga ammaatti oomishni kuntaalli miliyoona 21 ol walitti qabamuusaa Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise.

Naannoo Oroiyaatti Misoomni waktii Arfaasaa itti gaggeeffamu qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaaf madda dinagdee olaanaa fi bu'uura wabii nyaataati.

Sochiin qonnaa bokkaa bonaan naannichatti gaggeeffamu kun qonnaan bultoonni nyaataan akka of danda'an taasisuun cinaatti, gabaa tasgabbeessuu keessatti ga'ee olaanaa qaba.

Keessattuu kanneen akka Boorana, Gujii fi Arsiitti qonna Arfaasaatiin nyaata beelladaa omishuurraa darbuun midhaan nyaataa ijoon kan omishaman ta’uun dadammaqinsa misooma qonnaaf shoora olaanaa taphata.

Naannichi Teeknooloojii ammayyaa fi fayyadama Makaanizeeshinii babal'isuun, dandeettii ga’umsa ogeessa qonnaan bultootaa guddisuunii fi galteewwan qonnaa yeroon dhiyeessuun milkaa’ina raawwii isaaf sababa ta'eera.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ENA’f akka ibsanitti, naannichatti waktii Arfaasaan lafti hektaara miliyoona lama dhihaatu midhaan garaa garaan misoomuun gara omisha walitti qabuutti senamuusaa ibsaniiru.

Bu'aa qabeessummaa qonna Arfaasaaf leenjiin hubannoo gabbisa dandeettii qonnaan bultootaa cimsan kennamuu ibsanii, ogeessonni deeggarsa ogummaa fi hordoffii walirraa hin cinne taasisaa turuu dubbataniiru.

Galteewwan qonnaa Oomishaa fi oomishtummaa dabalan yeroon qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaaf akka qaqqaban taasifamuu eeranii, kana malees midhaanichi ilbiisota midhaan nyaatanii fi aramaa ittisuuf qorichi farra aramaa fi farra ilbiisotaa dhiyaachuu ibsaniiru.

Kanaanis qonna Arfaasaa kanaan midhaan gahe hektaara miliyoona 1 fi kuma dhibba 2 ol ta'u kan walitti qabame yoo ta’u, kanarraa oomisha kuntaalli miliyoona 21 fi kuma dhibba 8 argamuu danda'uun ibsameera.

Sassaabbii oomishaa saffisaa fi qisaasama irraa bilisa taasisuuf makaanizeeshinii qonnaatiin fi humna namaa qindeessuun gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Hanga ammaatti oomishoota walitti qabaman xaafii, Qamadii, Garbuu, Salixii, Maashoo fi kan biroo kan argaman ta'uu ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaatti bakkeewwan Qonna Arfaasaa bal'inaan itti gaggeeffame godinaalee 11 keessatti yoo ta'u; isaan keessaa Boorana, Gujii, Arsii Lixa, Baalee fi Harargee Bahaatti ta’uun ibsameera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015