Wallagga Bahaa: Giddu Gala Misooma Boqqolloo - ENA Afaan Oromoo
Wallagga Bahaa: Giddu Gala Misooma Boqqolloo
Ministeerri Qonnaa oomishaafi oomishtummaa boqqolloo guddisuuf sirna kilaastaraan misoomsuu akka kallattii misoomaa ijoo tokkootti fudhatee hojjechaa jira.
Sirni kun qonnaan bultoota gurmeessuun, sanyii boqqolloo filatamaa, mala qonnaa ammayyaa fi galteewwan qonnaa walitti qindeessuun, oomisha heektaara tokko irraa argamu guddisuuf kan kaayyeffatedha.
Sochii misooma boqqolloo biyyaalessaa kana keessatti Godinni Wallagga Bahaatti bara oomishaa kana lafa heektaara 180,000 ol irratti qonnaan bultoota kuma 65 hirmaachisuun misoomni boqqolloo kilaastaraan misoomseera.
Keessumaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti lafa heektaara 24,000 irratti boqqolloon misoomee, dirree qonnaa bal’aa uwwisee mul'ata.
Sadarkaa biyyaatti bara kana qonna arfaasaatiin lafti heektaara 4,402,064 ta’u qotamee, keessaa heektaara 4,369,359 irratti boqqolloon misoomsamuu isaa Ministeerri Qonnaa ibseera.