Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan godaansa seeraan alaa ittisuuf cimininaan hojjechaa jirti.

Hagayya 8/2018 (ENA) : Itiyoophiyaan godaansa seeraan alaa ittisuuf cimininaan hojjechaa jirti

jedhan Ministirri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa, Doktar Ergoogee Tasfaayee.

Itiyoophiyaafi Maalaawwiin waliigaltee godaansa seeraan alaa fi yakka daangaa ce’anii raawwataman waliin ittisuuf isaan dandeessisu mallatteessaniiru.

Doktar Ergoogee Tasfaayee yeroo kana akka himanitti, biyyoonni lamaan seenaa yeroo dheeraa waliin kan qabanidha jedhani.

Godaansa sirnaan yoo bulchuun danda’ame, misooma hawaas-diinagdee saffisiiruufi walitti dhufeenya naannawaa cimsuuf gumaachuu akka danda’u ibsaniiru.


 

Faallaa kanaatiin garuu, godaansi seeraan alaa lammiileefi biyya irratti miidhaa guddaa akka geessisu eeraniiru.

Itiyoophiyaan biyya madda, karaa darbaafi bakka ga’umsaa godaansaa ta’uufi Maalaawwiin immoo karaa gara Afrikaa Kibbaatti geessu keessaa koridarii ijoo fi daandii geejjibaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Maalaawwiin godaantotaaf bakka jireenyaa kennuuf, gara biyya isaaniittis deebisuuf, akkasumas namoota gurmaa’aanii yakka raawwatan seeratti dhiyeessuuf gumaachi gootu jajjabeeffamuu kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Waliigaltichi biyyoonni lamaan godaansa seeraan alaa fi qaamolee daldala namaa raawwatan ittisuuf, bulchiinsa godaansaa fayya qabeessa ta’e diriirsuuf, lammiilee eeguufi miidhamtoota deeggaruuf hojiiwwan jalqabaman cimsanii akka itti fufan kan gargaaru ta’uun ibsameera.


 

Ministirri Dhimma Nageenya Keessoo Maalaawwii, Piitar Muukuhitoon gamasaaniin, lammiilee baraaruufi yakka daangaa ce’ee raawwatamu dhaabuuf Maalaawwiin kutannoodhaan akka hojjettu mirkaneessaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015