Tamsaasa Kallatti:

Hiramaannaa fi fayyadamumma dubartootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira

Hagayya 8/2018 (ENA) : Mootummaan Naannoo Oromiyaa hirmaannaa fayyadamummaa dubartootaa gama hundaan mirkaneessuufi nageenya daa'immaniifi dubartootaa mirkaneessuuf hojjechaa jira.

Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa'imman Oromiyaa leenjii hubannoo cimsuu 'Imaammata dubartoota dinagdeen gahomsuufi walqixxumma sirna korniyaa biyyaalessaa' irratti caasaalee isaa sadarkaan jiraniif Magaalaa Adaamaatti kennaa jira.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'imman Oromiyaa Aadde Maabraat Baacaa saganticha irratti haasaa taasisaniin mootummaan fayyadamummaa dubartootaafi daa'immanii mirkaneessuuf imaammattootaafi tarsiimolee garagaraa hojiirra oolchaa jiruun hojiile bu'a qabeessi hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Biirichi hojii kenna tajaajila lammummaatiin hojjeteen hojii bu'a qabeessa waggoottan darban keessatti mul’achuusaa ibsaaniiru.

Hojii Tajaajila lammummaa kanaanis hanga ammaatti mana harka qal’eeyyii Kuma 156 ijaaruudhaan rakkoo hawaasa keenyaa kan furuusaa ibsaniiru.


Gama birootiin rakkoo dinagdee dubartootaa bu'uura irraa furuuf hojii bal'aan hojjetamaa turuu kaasanii, kunis dubartoonni dinagdeen of danda'anii miidhaa dubartoota irra gahu xiqqeessuuf gumaacha olaanaa akka qabu himaniiru.

Dabalataanis hojii ijaarsa dubartoota cimsuu irratti hojii hojjetameen dubartoota mil. 11. 2 ijaaruudhaan hojii bu'a qabeessi hojjetamaa jiraachuu dubbatanii, humna kanattis fayyadamuun jijjiirama biyyaa itti fufsiisuun akka danda'amu kaasaniiru.

Gama birootiin fayyadamummaafi nageenya daa'immanii mirkaneessuuf hojii bal'aan gama Paarlaamaa Daa'immanii hundeessuufi akkasumas iddoo tursiisa daa'immanii kuma 1 fi 980 hundeessuudhaan hojii bu'a qabeessi hojjetamuu dubbataniiru.

Leenjiin guyyaa har'aa kennamu kunis jijjiiramaafi milkaa'ina hanga ammaatti argame kana gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf caalmaatti immoo dubartoonni akka dinagdeen ciman gochuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015